Abbaa Murtii Addunyaa Hundaa
Faarfannaa 75
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Yeedaloo, “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Asaaf.
Yaa Waaqi, nu si galateeffanna;
sababii Maqaan kee dhiʼoo taʼeef galata siif galchina;
namoonni waaʼee dinqii hojii keetii odeessu.
 
Ati akkana jetta; “Ani yeroo murteeffame nan filadha;
kan qajeelummaadhaan muru ana.
Yommuu laftii fi sabni ishee hundi raafamanitti,
kan utubaa ishee jabeessee qabu ana.
Ani of tuultotaan akkana nan jedha; ‘Of hin jajinaa.’
Hamootaanis, ‘Gaanfa keessan ol hin qabatinaa.
Gaanfa keessan samiitti hin kaasinaa;
morma keessan dheereffattanii hin dubbatinaa.’ ”
 
Ulfinni baʼa biiftuutii yookaan lixa biiftuutii
yookaan lafa onaatii hin dhufuutii.
Garuu kan murtii kennu Waaqa;
inni nama tokko gad buusa; kaan immoo ol baasa.
Harka Waaqayyoo keessa,
xoofoo wayinii urgooftuudhaan walitti makame
kan hoomachaan guutame tokkotu jira;
inni wayinii sana gad naqa;
hamoonni lafaa hundinuu utuu siicoo isaa illee hin hambisin
xuruurfatanii dhugu.
 
Ani garuu bara baraan waan kana nan labsa;
Waaqa Yaaqoobis nan faarfadha.
10 Gaanfa hamoota hundaa nan caccabsa;
gaanfi qajeeltotaa garuu ol ol jedha.