Seenaa Saba Israaʼel
Faarfannaa 78
Maskiilii Asaaf.
Yaa saba ko, barsiisa koo dhagaʼaa;
dubbii afaan koo dhaggeeffadhaa.
Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha;
waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha.
Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu,
waan abbootiin keenya nutti himanii dha.
Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;
hojii Waaqayyoo ulfina qabeessa sana,
humna isaatii fi dinqii inni hojjete,
dhaloota itti aanutti ni himna.
Inni Yaaqoobiif sirna dhaabe;
Israaʼeliif immoo seera kenne;
waan kana illee akka isaan
ijoollee isaanii barsiisaniif,
abbootii keenya ajaje;
kunis akka dhaloonni itti aanu beeku,
akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan,
isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif.
Yoos isaan Waaqa amanatu;
ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan.
Isaan akka abbootii isaanii,
akka dhaloota mata jabeessaa fi fincilaa,
warra garaan isaanii Waaqaaf hin ajajamnee,
akka warra hafuurri isaanii isaaf hin amanamin sanaa hin taʼan.
 
Namoonni Efreem xiyya qabatanii turan;
taʼus gaafa lolaa duubatti deebiʼan.
10 Isaan kakuu Waaqaa hin eegne;
seera isaattis buluu didan.
11 Isaan hojii inni hojjete,
dinqii inni isaanitti argisiises ni irraanfatan.
12 Inni fuula abbootii isaanii duratti,
biyya Gibxi kutaa Zooʼaanitti waan nama dinqisiisu hojjete.
13 Inni galaana gargar qoodee gidduun isaan dabarse;
bishaan sanas akkuma keenyan manaa dhaabachiise.
14 Guyyaa duumessaan, halkan guutuu immoo
ifa ibiddaatiin isaan geggeesse.
15 Inni gammoojjii keessatti kattaa dayyaasee
bishaan akka galaanaa baayʼatu isaanii kenne.
16 Kattaa keessaa burqaa burqisiisee
akka bishaan akkuma lagaatti yaaʼu godhe.
 
17 Isaan garuu gammoojjii keessatti Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan;
ittuma fufaniis isatti cubbuu hojjetan.
18 Isaan nyaata dharraʼanii, “Fidi” jechuudhaan
beekumsa Waaqaa qoran.
19 Akkana jedhanii Waaqa hamatan;
“Waaqni gammoojjii keessatti maaddii qopheessuu dandaʼaa?
20 Inni kattaa rukunnaan bishaan humnaan keessaa burqe;
burqaan guutee irraan dhangalaʼe.
Garuu inni nyaata nuu kennuu dandaʼaa?
Saba isaatiifis foon kennuu dandaʼaa?”
21  Waaqayyo yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee aare;
Yaaqoob irratti ibiddi isaa ni qabsiifame;
dheekkamsi isaas Israaʼelitti dhufe;
22 isaan Waaqa hin amananneetii;
fayyisuu isaattis hin amanne.
23 Inni garuu samii gubbaatiif ajaja kenne;
balbala samiis ni bane;
24 akka isaan nyaataniif mannaa gad roobseef;
midhaan samiis isaaniif kenne.
25 Namoonni buddeena ergamoota Waaqayyoo nyaatan;
inni waan isaan nyaatanii quufan ergeef.
26 Inni akka bubbeen baʼa biiftuu samii keessaa bubbisu godhe;
bubbee kibbaas humna ofii isaatiin oofe.
27 Foon akkuma awwaaraatti, simbirroota barrisanis
akkuma cirracha galaanaatti gad isaaniif roobse.
28 Innis akka isaan qubata isaanii keessatti
naannoo dunkaanota isaaniitti gad harcaʼan godhe.
29 Isaanis nyaatanii quufan;
inni waan isaan dharraʼan isaaniif kenneeraatii.
30 Garuu utuu isaan nyaata dharraʼan sana hin quufin,
utuma nyaanni sun afaan isaanii keessa jiruu,
31 dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufe;
innis isaan keessaa warra jajjabeeyyii galaafate;
dargaggeeyyii Israaʼelis ni fixe.
 
32 Isaan waan kana hunda irra darbanii cubbuu hojjechuutti fufan;
dinqii isaattis hin amanne.
33 Kanaafuu inni akka barri isaanii faayidaa malee darbu,
akka waggoonni isaaniis sodaadhaan dhuman godhe.
34 Yeroo Waaqni isaan ajjeese kamitti iyyuu,
isaan isa barbaaddatan;
isaan ammas fedhiidhaan gara isaatti deebiʼan.
35 Akka Waaqni Kattaa isaanii taʼe,
akka Waaqni Waan Hundaa Olii Furii isaanii taʼe yaadatan.
36 Isaan garuu afaan isaaniitiin isa saadan;
arraba isaaniitiinis isa soban;
37 garaan isaanii isaaf amanamaa hin turre;
isaan kakuu isaatiif hin amanamne.
38 Inni garuu araara qabeessa waan taʼeef,
cubbuu isaanii ni dhiiseef malee isaan hin fixne.
Inni yeroo yerootti aarii isaa ittifate;
dheekkamsa isaa hundaas hin kakaafne.
39 Innis akka isaan nama duʼa hin oolle,
qilleensuma darbu kan deebiʼee hin dhufne taʼan yaadate.
 
40 Isaan hammam gammoojjii keessatti isatti fincilanii
gammoojjii keessattis isa gaddisiisan
41 Isaan ammumaa amma Waaqa qoran;
Qulqullicha Israaʼel sanas ni aarsan.
42 Isaan humna isaa yookaan guyyaa inni itti
diinota isaanii jalaa isaan baase hin yaadanne.
43 Guyyaa inni itti biyya Gibxi keessatti mallattoo isaa,
kutaa Zooʼaan keessatti immoo dinqii isaa argisiise isaan hin yaadanne.
44 Inni lageen isaanii dhiigatti geeddare;
isaanis burqaawwan isaanii dhuguu hin dandeenye.
45 Innis tuuta tisiisaa kan isaan balleessu,
fattee isaan barbadeessu itti erge.
46 Midhaan isaanii ilmaan hawwaannisaatiif,
buʼaa dadhabbii isaanii immoo hawwaannisaaf kenne.
47 Muka wayinii isaanii cabbiidhaan,
harbuu isaanii immoo dhaamocha hamaan dhaʼe.
48 Loon isaanii cabbiif,
horii isaanii immoo bakakkaaf dabarsee kenne.
49 Inni ergamoota badiisa fidan isaanitti erguudhaan
aarii isaa sodaachisaa, dheekkamsa isaa,
dallansuu isaatii fi rakkoo isaanitti gad lakkise.
50 Inni aarii isaatiif daandii qopheesse;
lubbuu isaanii dabarsee dhaʼichatti kenne malee
duʼa isaan hin oolchine.
51 Hangafoota Gibxi hunda,
ilmaan jalqabatti dhalatanis dunkaana Haam keessatti dhaʼe.
52 Saba isaa garuu akkuma nama bushaayee bobbaasuutti achii baase;
akkuma hoolaas gammoojjii keessa isaan geggeesse.
53 Inni nagaadhaan isaan geggeesse;
kanaafuu isaan homaa hin sodaanne;
diinota isaanii garuu galaanatu liqimse.
54 Innis gara daarii biyya isaa qulqulluutti,
gara biyya gaaraa kan harki isaa mirgaa fudhateetti isaan galche.
55 Inni ormoota isaan duraa ariʼe;
lafa jaraas dhaala godhee isaanii qoode;
gosa Israaʼelis dunkaana isaanii keessa qubachiise.
 
56 Isaan garuu Waaqa qoran;
Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan;
ajaja isaas hin eegne.
57 Akkuma abbootii isaanii duubatti deebiʼan; amanamuus ni didan;
akka iddaa micciiramaattis jajalʼatan.
58 Isaan iddoowwan sagadaa isaanii kanneen gaarran irraatiin isa aarsan;
waaqota isaanii tolfamoodhaanis hinaaffaadhaaf isa kakaasan.
59 Waaqnis yeroo isaan dhagaʼetti akka malee dheekkame;
guutumaan guutuuttis Israaʼelin gate.
60 Innis iddoo jireenya isaa kan Shiiloo keessaa,
dunkaana inni namoota gidduu dhaabbate sanas ni dhiise.
61 Humna isaa boojuutti,
ulfina isaa immoo harka diinaatti dabarsee kenne.
62 Saba isaa dabarsee goraadeef kenne;
handhuuraa isaattis akka malee dheekkame.
63 Dargaggoota isaanii ibiddatu fixe;
durboota isaaniitiifis sirbi heerumaa hin sirbamne;
64 luboonni isaanii goraadeedhaan dhuman;
niitonni dhirsoonni irraa duʼan immoo booʼuu hin dandeenye.
 
65 Gooftaanis akkuma waan hirribaa dammaquutti,
akkuma goota sababii wayiniitiin iyyuuttis dammaqe.
66 Inni diinota isaa rukutee duubatti deebise;
qaanii bara baraa keessas isaan buuse.
67 Dunkaanota Yoosef ni tuffate;
gosa Efreemis hin filanne;
68 inni garuu gosa Yihuudaa,
Tulluu Xiyoon kan jaallatu sana ni filate.
69 Mana qulqullummaa isaa akka samii ol dheeraatti,
akka lafa bara baraan hundeesseettis ijaare.
70 Inni Daawit garbicha isaa ni filate;
dallaa hoolotaa keessaas isa waammate;
71 akka inni saba isaa Yaaqoobin,
handhuuraa isaa Israaʼelin tiksuuf jedhee
hoolota tiksuu irraa isa fide.
72 Daawitis garaa qajeelaadhaan isaan tikse;
ogummaa harka isaatiinis isaan dura buʼe.