Faaruu Booʼichaa Biyyoolessaa
Faarfannaa 79
Faarfannaa Asaaf.
Yaa Waaqi, namoonni ormaa handhuuraa kee qabataniiru;
mana qulqullummaa kee qulqullicha xureessaniiru;
Yerusaaleminis barbadeessaniiru.
Akka isaan nyaata isaaniif taʼaniif,
reeffa garboota keetii allaattii samiitiif,
foon qulqulloota keetii immoo bineensota lafaatiif kennaniiru.
Dhiiga isaaniis naannoo Yerusaalemitti
akkuma bishaanii dhangalaasan;
namni isaan awwaalu tokko illee hin argamne.
Ollaa keenya biratti maqaan nu badeera;
warra naannoo keenya jiran birattis nama tuffii fi kolfaa taane.
 
Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti?
Ati hamma bara baraatti aartaa?
Hinaaffaan kees hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
Dheekkamsa kee sana saboota si hin beekne irratti,
mootummoota maqaa kee hin waammanne irratti
gad dhangalaasi;
isaan Yaaqoobin liqimsaniiruutii;
iddoo jireenya isaas balleessaniiru.
 
Cubbuu abbootii keenyaa nutti hin herregin;
waan nu baayʼee gad deebifamneef,
araarri kee dafee nu bira haa gaʼu.
Yaa Waaqi Fayyisaa keenya,
ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari;
maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi;
cubbuu keenya illee nuu dhiisi.
10 Ormoonni maaliif,
“Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu ree?
 
Dhiiga tajaajiltoota keetii kan dhangalaafame sanaaf,
akka haaloo baaftu ija keenya duratti saboota gidduutti beeksisi.
11 Aaduun hidhamtootaa fuula kee dura haa gaʼu;
jabina irree keetiitiin warra duuti itti murame oolchi.
12 Yaa Gooftaa, arraba isaan ittiin si arrabsan,
dachaa torba godhiitii ollaa keenyatti deebisi.
13 Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii,
bara baraan si jajanna;
dhalootaa hamma dhalootaattis,
galata kee ni odeessina.