Haaromfama Israaʼeliif Waaqa kadhachuu
Faarfannaa 80
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo, “Daraaraa Kakuutiin” Faarfatame. Faarfannaa Asaaf.
Yaa tiksee saba Israaʼel,
kan akkuma bushaayeetti Yoosefin geggeessitu nu dhagaʼi;
ati kan kiirubeel gidduu teessoo irra teessu, ifiitii mulʼadhu.
Fuula Efreem, Beniyaamii fi Minaasee duratti
humna kee sochoosi; kottuutii nu fayyisi.
 
Yaa Waaqi, iddoo keenyatti nu deebisi;
akka fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
 
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu,
ati hamma yoomiitti kadhannaa saba keetiitti aarta?
Ati buddeena imimmaanii isaan nyaachifte;
imimmaan waciitii guutuus isaan obaafte.
Ati akka olloonni keenya nu tuffatan goote;
diinonni keenyas nutti qoosu.
 
Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu,
iddoo keenyatti nu deebisi;
akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
 
Ati muka wayinii biyya Gibxii buqqiftee fidde;
ormootas ariitee muka sana dhaabde.
Mukichaafis lafa qopheessite;
mukni sunis hidda gad fageeffatee biyyattii guute.
10 Tulluuwwan gaaddisa isaatiin,
birbirsawwan gurguddaanis
dameewwan isaatiin haguugaman.
11 Innis dameewwan isaa gara Galaanaatti,
lata isaas hamma Lagaatti diriirfate.
 
12 Yoos ati maaliif akka namni achiin darbu hundinuu
ija isaa ciratu gochuuf jettee dallaa isaa diigde ree?
13 Kormi booyyee bosona keessaa baʼee isa ni balleessa;
bineensi dirrees isa ni nyaata.
14 Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu,
si kadhannaa gara keenyatti deebiʼi!
Samii irraa gad ilaalii argi!
Muka wayinii kana eegi;
15 mukni kun muka wayinii kan harki kee mirgaa dhaabee dha;
biqiltuu ati ofii keetiif guddifattee dha.
 
16 Wayiniin kee ciramee ibiddaan gubameera;
sabni kees dheekkamsa keetiin bada.
17 Harki kee namicha karaa harka kee mirgaa jiru irra,
ilma namaa kan ati ofii keetiif guddifatte irra haa boqotu.
18 Yoos nu sirraa hin garagallu;
jireenya nuu kenni; nus maqaa kee ni waammannaa.
 
19 Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu
iddoo keenyatti nu deebisi;
akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.