Kadhannaa Nagaaf Dhiʼaate
Faarfannaa 85
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi.
Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta;
boojuu Yaaqoobis deebifteerta.
Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf;
cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta.
Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta;
aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta.
 
Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi;
dheekkamsa kees nurraa qabi.
Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee
dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa?
Akka sabni kee sitti gammaduuf,
ati lubbuu nutti hin deebiftuu?
Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi;
fayyina kees nuu kenni.
 
Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha;
inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa;
isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin.
Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf,
fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.
 
10 Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan;
qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.
11 Amanamummaan lafa keessaa burqa;
qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.
12  Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna;
lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti.
13 Qajeelummaan fuula isaa dura deema;
miilla isaatiifis karaa qopheessa.