Kadhannaa Yeroo Rakkinaa
Faarfannaa 86
Kadhannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef,
na dhagaʼiitii deebii naa kenni.
Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi.
Ati Waaqa koo ti;
garbicha kee kan si amanatu oolchi.
Yaa Gooftaa na maari;
ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii.
Lubbuu garbicha keetii gammachiisi;
yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii.
 
Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota;
warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.
Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi;
iyya waammata koos dhaggeeffadhu.
Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha;
ati deebii naa kennitaatii.
 
Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru;
hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru.
Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii,
fuula kee duratti ni sagadu;
maqaa keetiifis ulfina fidu.
10 Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha;
Waaqni suma qofa.
 
11 Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi;
anis dhugaa keetiin nan bula;
akka ani maqaa kee sodaadhuuf,
garaa gargar hin qoodamne naa kenni.
12 Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;
maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa.
13 Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii;
lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta.
 
14 Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru;
tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne
lubbuu koo galaafachuu barbaadu.
15 Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha;
daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.
16 Gara kootti deebiʼiitii na maari;
jabina kee tajaajilaa keetii kenni;
ilma garbittii keetiis oolchi.
17 Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif,
mallattoo gaarummaa keetii naa kenni;
yaa Waaqayyo, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii.