Miidhagina Waaqayyoo
Faarfannaa 93
Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata;
Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata.
Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.
Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera;
ati durii duriitii jalqabdee jirta.
 
Yaa Waaqayyo, galaanonni ol kaasaniiru;
galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru;
galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.
Sagalee bishaan baayʼee caalaa,
jabina dhaʼaa galaanaa caalaas,
Waaqayyo ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.
 
Seerri kee jabaatee ni dhaabata;
Yaa Waaqayyo, qulqullummaan bara baraan
faaya mana keetii ti.