Waaqa Murtii Qajeelaa
Faarfannaa 94
Yaa Waaqayyo, Waaqa haaloo baaftu,
Yaa Waaqa haaloo baaftu, ifii mulʼadhu.
Yaa Abbaa Murtii lafa kanaa kaʼi;
of tuultotaaf illee waan isaanii malu kenni.
Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti warri hamoon,
warri hamoon hamma yoomiitti burraaqu?
 
Isaan dubbii of tuulummaa gad roobsu;
jalʼoonni hundinuu of dhiibuudhaan guutaman.
Yaa Waaqayyo, isaan saba kee miidhu;
handhuuraa kees ni hacuucu.
Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu;
ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu.
Isaan, “Waaqayyo hin argu;
Waaqni Yaaqoob hin qalbeeffatu” jedhu.
 
Warri saba keessaa raatoftan mee hubadhaa;
isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu?
Inni gurra uume sun hin dhagaʼuu?
Inni ija uume hin argu?
10 Inni saboota sirreessu sun hin adabuu?
Inni nama barsiisu sun beekumsa hin qabuu?
11  Waaqayyo yaada namaa beeka;
akka yaadni namaa faayidaa hin qabnes ni beeka.
 
12 Yaa Waaqayyo, namni ati adabdu,
namni ati seera kee irraa barsiiftu eebbifamaa dha;
13 hamma hamootaaf boolli qotamutti,
guyyaa rakkinaatti ati boqonnaa kennitaaf.
14  Waaqayyo saba isaa hin gatuutii;
inni akkana illee jedhee handhuuraa ofii isaa hin dhiisu.
15 Murtiin qajeelummaa irratti hundeeffama;
toloonni hundinuus isa faana buʼu.
 
16 Eenyutu hamootatti naa kaʼa?
Eenyutu na cina dhaabatee warra jalʼina hojjetaniin morma?
17 Utuu Waaqayyo na gargaaruu baatee,
silaa yoona lubbuun koo boolla duʼaa keessa jirti.
18 Yaa Waaqayyo yeroo ani, “Miilli koo mucucaateera” jedhetti,
araarri kee ol qabee na dhaabe.
19 Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti,
jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.
 
20 Bulchitoonni hamoon, warri seeratti fayyadamanii jalʼina hojjetan
si wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼuu?
21 Isaan tokkummaadhaan nama qajeelaatti kaʼanii
nama yakka hin qabnetti duʼa muru.
22  Waaqayyo garuu daʼoo,
Waaqni koos, kattaa ani itti baqadhu naa taʼeera.
23 Inni gatii cubbuu isaanii isaanumatti deebisa;
sababii hammina isaaniitiif illee isaan balleessa;
Waaqayyo Waaqni keenya isaan barbadeessa.