Faarfannaa Guyyaa Guyyaatti Faarfatamu
Faarfannaa 95
Kottaa Waaqayyoof faarfannaa;
Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.
Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu;
faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.
 
Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii;
inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.
Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru;
fiixeewwan tulluus kan isaa ti.
Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii;
lafa gogaa illee harka isaatu uume.
 
Kottaa gad jennee sagadnaa;
Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;
inni Waaqa keenyaatii;
nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha;
bushaayee harka isaa keessa jiruudhas.
 
Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,
akka Mariibaatti gootan sana,
akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa
mataa hin jabaatinaa;
abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu,
achitti qoranii na ilaalan.
10 Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame;
anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha;
isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen.
11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,
“Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.