16
Isaanis taabota Waaqaa fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqaa duratti ni dhiʼeessan. Daawitis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyootiin namoota ni eebbise. Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama Israaʼeliitiif, dhiiraa fi dubartiif buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne.
Innis akka isaan fuula taabota Waaqayyoo duratti tajaajilaniif, akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel waammataniif, akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Lewwota tokko tokko ni muuddate; isaanis Asaaf hangafticha, Zakkaariyaas itti aanaa isaa, itti fufees Yeʼiiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel faʼi turan. Jarri kunneen kiraaraa fi baganaa taphatu ture; Asaaf immoo kilillee dhageessisa ture; Benaayaa fi Yahiziiʼeel luboonni yeroo hunda fuula taabota kakuu Waaqaa duratti malakata afuufu turan.
Faarfannaa Daawit Kan Galataa
16:8‑22 kwf – Far 105:1‑15
16:23‑33 kwf – Far 96:1‑13
16:34‑36 kwf – Far 106:1,47‑48
Daawitis gaafa sana akka Asaafii fi michoota isaa faarfannaa galataa kana Waaqayyoof faarfataniif jalqabatti ajaja kenne:
Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;
waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;
waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
10 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa;
garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
11  Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa;
yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
12 Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi
murtii inni labse yaadadhaa;
13 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Israaʼel taatan,
isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
 
14 Inni Waaqayyo Waaqa keenya;
murtiin isaas lafa hunda irra jira.
15 Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas
dhaloota kumaaf ni yaadata;
16 inni kakuu Abrahaam wajjin gale,
kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
17 Kanas Yaaqoobiif seera,
Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee
akkana jedhee mirkaneesseera; innis:
18 “Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee,
siif nan kenna” jedhe.
 
19 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti,
dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
20 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo
gara mootummaa biraatti jooran.
21 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne;
sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
22 “Dibamtoota koo hin tuqinaa;
raajota koos hin miidhinaa.”
 
23 Lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa;
fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
24 Ulfina isaa saboota gidduutti,
hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
25  Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;
inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
26 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii;
Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
27 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;
jabinnii fi gammachuunis iddoo jireenya isaa jiru.
28 Yaa maatiiwwan sabootaa, Waaqayyoof kennaa;
ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
29 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa.
Aarsaa fidaatii fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.
bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa.
30 Isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa!
Addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.
 
31 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu;
isaan saboota gidduutti, “Waaqayyo moʼeera!” haa jedhan.
32 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu;
dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadani!
33 Mukkeen bosonaa haa faarfatan;
isaan gammachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan;
inni lafatti muruudhaaf ni dhufaatii.
 
34  Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
35 Akkana jedhaatii iyyaa; “Yaa Waaqayyo,
Fayyisaa keenya, ati nu baasi;
akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf,
akka galata keetiin of jajnuufis, walitti nu qabiitii saboota ormaa jalaa nu oolchi.”
36  Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiif
bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu.
Kana irratti namni hundinuu, “Ameen; Waaqayyo haa galatoomu” jedhe.
 
37 Daawitis akka isaan fuula taabotaa dura yeroo hunda tajaajilaniif, Asaafii fi obboloota isaa achuma fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti isaan dhiise. 38 Akkasumas Oobeed Edoomii fi warra isaan wajjin hojjetan jaatamii saddeettan akka isaan wajjin tajaajilaniif achitti dhiise. Oobeed Edoom ilmi Yeduutuuniitii fi Hoosaan eegdota balbalaa turan.
39 Daawit Zaadoq lubichaa fi luboota isa wajjin hojjetan kaan dunkaana Waaqayyoo qulqulluu kan Gibeʼoon keessatti gaara sagadaa irratti argamu biratti dhiise; 40 kunis isaan akkuma waan Seera Waaqayyoo kan inni Israaʼeliif kenne hunda keessatti barreeffame sanaatti yeroo hunda galgalaa fi ganama iddoo aarsaa gubamuu irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof akka dhiʼeessaniif. 41 Isaan wajjinis Heemaanii fi Yeduutuun akkasumas warra akka, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” jedhanii Waaqayyoof galata galchaniif filatamanii maqaan isaanii beekame biraatu ture. 42 Heemaanii fi Yeduutuun sagalee malakataatiif kilillee dhageessisuu fi akkasumas meeshaa muuziiqaa kan Waaqaa irratti itti gaafatamtoota turan. Ilmaan Yeduutuun immoo karra eegan.
43 Ergasii namoonni hundinuu achii kaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara mana ofii isaatti galan; Daawit immoo maatii ofii eebbisuuf gara manaatti ni deebiʼe.