17
Abdii Waaqayyo Daawitin Abdachiise
17:1‑15 kwf – 2Sm 7:1‑17
Daawit erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee booddee Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni kakuu Waaqayyoo garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.
Naataan immoo deebisee Daawitiin, “Waaqni si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.
Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe:
“Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼi miti. Ani gaafan Israaʼelin Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani dunkaana tokkoo irraa gara isa kaaniitti, iddoo bultii tokkoo irraa gara iddoo bultii isa kaaniitti darbaan ture. Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu hooggantoota akka isaan saba koo eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’
“Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf, lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe. Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii nan godha. Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi akka isaan siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan; 10 akka yeroo ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan; ani diinota kee hundas siifin garboomsa.
“ ‘Ani akka Waaqayyo mana siif ijaaru sittin hima: 11 Yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii keetti dabalamuuf dhaqxutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee keessaa, ilmaan kee keessaa tokko nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba. 12 Kan mana naaf ijaaru isa; anis teessoo isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba. 13 Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Ani akka namicha si dura ture sana irraa fudhadhe, jaalala koo gonkumaa isa irraa hin fudhadhu. 14 Ani mana koo fi mootummaa koo irratti bara baraan isa nan muuda; teessoon isaas bara baraan jabaatee ni dhaabata.’ ”
15 Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
Kadhannaa Daawit
17:16‑27 kwf – 2Sm 7:18‑29
16 Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula Waaqayyoo dura taaʼee akkana jedhe:
“Yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, kan ati asiin na geesse, ani eenyu? Maatiin koos maali? 17 Yaa Waaqi, ati akka waan wanni kun fuula kee duratti quubsaa hin taʼiniitti ilaaltee waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duraa illee dubbatte. Yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati akka waan ani nama hunda caalaa kabajamaa taʼeetti na ilaalte.
18 “Waan ati garbicha kee ulfeessiteef Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Ati garbicha kee ni beektaatii. 19 Yaa Waaqayyo, ati sababii garbicha keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana goote; akka waadaawwan gurguddaan kunneenis beekaman gooteerta.
20 “Yaa Waaqayyo, kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru. 21 Sabni akka saba kee Israaʼel kan Waaqni saba lafa irra jiraatu keessaa saba tokkicha ofii isaatiif furachuu fi ofii keetiitiifis maqaa tolfachuuf jettee fuula saba keetii duraa saboota ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa hojjechuudhaaf baʼe, kan ati Gibxii baafte sanaa tokko iyyuu jiraa? 22 Ati saba kee Israaʼelin bara baraan kan ofii keetii goote; Yaa Waaqayyo, ati Waaqa isaanii taateerta.
23 “Ammas yaa Waaqayyo, waadaan ati garbicha keetii fi mana isaatiif galte sun bara baraan jabaatee haa dhaabatu. Ati akkuma waadaa galte sana raawwadhu; 24 kunis akka maqaan kee jabaatee dhaabatee, bara baraanis guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Israaʼel irratti Waaqa; inni Waaqa Israaʼel!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.
25 “Yaa Waaqa ko, ati akka mana isaaf ijaartu garbicha keetti mulʼifteerta. Kanaafuu garbichi kee si kadhachuudhaaf ija jabina argateera. 26 Yaa Waaqayyo, ati Waaqa! Ati waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta. 27 Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee taʼeera; yaa Waaqayyo sababii ati isa eebbifteef, inni bara baraan ni eebbifama.”