18
Moʼannoowwan Daawit
18:1‑13 kwf – 2Sm 8:1‑14
Ergasii Daawit Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; Gaatii fi gandoota naannoo ishee jiranis harka Filisxeemotaatii baase.
Daawit Moʼaabotas ni moʼate; isaanis isa jalatti bulanii gibira fidaniif.
Kana irrattis Daawit yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii dhaabbachuu dhaqetti, hamma Hamaatiitti deemee Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate. Daawitis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute.
Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis, Daawit isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe. Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate; warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. Waaqayyos Daawitiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne.
Daawitis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer harkatti qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide. Daawit magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Xibihaatii fi Kuuni naasii akka malee baayʼee fudhate; Solomoon immoo Gaanii naasii, utubaawwanii fi miʼoota naasii garaa garaa naasii sana irraa hojjete.
Tooʼuun mootiin Hamaati yommuu akka Daawit guutummaa loltoota Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate dhagaʼetti, 10 akka inni sababii ol aantummaa Daawit Mootichi waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii Hadooraamin gara isaatti erge; Hadaadezer Tooʼuu wajjin wal waraanaa tureetii. Adooraamis kennaa gosa hundaa warqee irraa, meetii fi naasii irraa hojjetaman fideef.
11 Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Waaqayyoof addaan baase.
12 Abiishaayi ilmi Zeruuyaa Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixe. 13 Innis Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawitiif ni garbooman. Waaqayyos lafa inni dhaqe hundatti Daawitiif moʼannaa ni kenne.
Qondaaltota Daawit
18:14‑17 kwf – 2Sm 8:15‑18
14 Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete.
 
15 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture;
Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa ture;
16 Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan;
Shaafisaan immoo barreessaa ture;
17 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture;
ilmaan Daawit immoo mootichatti aananii qondaaltota hangafoota turan.