26
Eegdota Balbalaa
Akka itti eegdonni karraa qoodaman:
 
Gosa qoree keessaa:
Ilmaan Asaaf keessaa Mesheleemiyaa ilma Qooraahi.
Mesheleemiyaa ilmaan qaba ture; isaanis:
Inni hangafti Zakkaariyaas, lammaffaan Yediiʼeel,
sadaffaan Zabaadiyaa, Afuraffaan Yatniiʼeel,
inni shanaffaan Eelaam, jaʼaffaan Yehohaanaan,
torbaffaan Eliihooʼeenayi.
Oobeed Edoomis akkasuma ilmaan qaba ture; isaanis:
Inni hangafti Shemaaʼiyaa, lammaffaan Yehoozaabaad,
sadaffaan Yooʼaa, afuraffaan Saakaar,
shanaffaan Naatnaaʼel, jaʼaffaan Amiiʼeel,
torbaffaan Yisaakor, saddeettaffaan Pheʼuletii;
Waaqni Oobeed Edoomin eebbiseeraatii.
Shemaaʼiyaan ilmi isaas ilmaan qaba ture; isaanis waan dandeettii guddaa qabaniif qajeelchitoota maatii abbaa isaanii turan. Ilmaan Shemaaʼiyaa:
Otnii, Raafaaʼeel, Oobeedii fi Elzaabaad;
firoonni isaa Eliihuu fi Samaakiyaanis dandeettii guddaa qabu ture.
Isaan kunneen hundi ilmaan Oobeed Edoom; isaan, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii namoota jajjaboo dandeettii hojii qaban turan; ilmaan Oobeed Edoom; walumatti nama 62 turan.
Mesheleemiyaa fi firoota dandeettii guddaa qaban qaba ture; isaanis walumatti nama 18 turan.
 
10 Hoosaan inni gosa Meraarii sun ilmaan qaba ture; isaanis:
Shimriin dura buʼaa ture; inni hangafa taʼuu baatu iyyuu abbaan isaa dura buʼaa isa godhee ture;
11 inni lammaffaan Hilqiyaa, inni sadaffaan Xibaliyaa,
inni afuraffaan Zakkaariyaas.
Ilmaanii fi firoonni Hoosaa walumatti nama 13 turan.
 
12 Garee eegdota karraa kana keessaa hangafoota isaaniitiif hojiin akkuma firoonni isaanii hojjetan sanaa mana Waaqayyoo keessa tajaajiluu ni kennameef. 13 Tokkoo tokkoo balbalaatiifis akkuma maatii maatii isaaniitti xinnaa guddaaf ixaan buʼe.
14 Ixaan Karra Baʼa Biiftuu Shelemiyaaf baʼe.
Ergasii immoo Zakkaariyaas ilma isaa gorsituu ogeessa sanaaf ixaan buʼe; ixaan balbala kaabaa isaaf baʼe.
15 Ixaan Karra gama kibbaa Oobeed Edoomiif, kan mankuusaa immoo ilmaan isaatiif baʼe.
16 Ixaan Karra Lixa biiftuutii fi Karra Shaleekeet kan daandii olii irratti argamu Shufiimii fi Hoosaaf baʼe.
 
Eegumsa tokko fuulleedhaan eegumsa biraatu ture:
17 Karaa baʼa biiftuutiin guyyaa guyyaatti Lewwota jaʼa,
karaa kaabaatiin guyyaa guyyaatti afur,
karaa kibbaatiin guyyaa guyyaatti afur
karaa mankuusaa immoo yeroo tokkotti lamatu ture.
18 Oobdii gama lixa biiftuutiin jiruuf daandii irra afur, waltajjicha gubbaa immoo lamatu ture.
 
19 Isaan kunneen garee eegdota karraa kanneen ilmaan Qooraahiitii fi Meraarii keessaa dhufanii dha.
Toʼattoota Qabeenyaatii fi Qondaaltota Biraa
20 Lewwota keessaa Ahiiyaan itti gaafatamaa qabeenya mana Waaqaatii fi itti gaafatamaa miʼoota qulqulleeffamanii ture.
21 Sanyiiwwan Laʼadaan kanneen karaa Laʼadaaniitiin Geershoonota taʼan warri hangafoota maatii Laʼadaan namicha gosa Geershoon sanaa turan: Yehiiʼeelii, 22 ilmaan Yehiiʼeelii, Zeetaamii fi obboleessa isaa Yooʼeel. Isaan kunis itti gaafatamtoota qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyoo turan.
 
23 Amraamota keessaa, Yizihaarota keessaa, Kebroonota keessaa, Uziiʼeel keessaa:
 
24 Shebuuʼeel ilmi Geershoom ilma Musee sanaa itti gaafatamaa qabeenyaa hangafa ture. 25 Namoonni karaa Eliiʼezeriitiin firoota isaa taʼan immoo: ilma isaa Rehaabiyaa, ilma isaa Isaayyaas, ilma isaa Yooraam, ilma isaa Zikrii fi ilma isaa Sheloomiit. 26 Sheloomiitii fi firoonni isaa mankuusaa miʼoota Daawit mootichi, hangafoonni maatiiwwanii kanneen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa turan, akkasumas ajajjoonni loltootaa biraa Waaqaaf addaan baasan irratti itti gaafatamtoota turan. 27 Isaan boojuu waraanaan argame keessaa gara tokko haaromsuu mana qulqullummaa Waaqayyootiif addaan baasanii kennan. 28 Waan Saamuʼeel namichi mulʼata argu sun, Saaʼol ilmi Qiish, Abneer ilmi Neerii fi Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiʼeessanii fi waan Waaqaaf addaan baafame hunda Sheloomiitii fi firoota isaatu eega ture.
29 Yizihaarota keessaa:
Kenaaniyaa fi ilmaan isaa hojii mana qulqullummaatiin ala taʼetti Israaʼeloota irratti qondaaltotaa fi abbootii murtii taʼanii ramadaman.
30 Kebroonota keessaa:
Hashabiyaa fi firoonni isaa kanneen dandeettii qaban kuma tokkoo fi dhibba torba biyya Israaʼel kan Yordaanosiin gama lixa biiftuu jirutti hojii Waaqayyoo hundaa fi tajaajila mootichaa irratti itti gaafatamtoota turan. 31 Kebroonota keessaa akkuma galmee hiddaa dhaloota maatii isaaniitti Yeriyaan hangafa isaanii ture.
Bara mootummaa Daawit keessa waggaa afurtamaffaatti galmeewwan ilaalamanii gosa Kebroon keessaa namoonni dandeettii qaban Yaʼizeer biyya Giliʼaadi keessaa sanatti argaman. 32 Yiriiyaan firoota dandeettii qaban kanneen hangafoota maatii turan kuma lamaa fi dhibba torba qaba ture; Daawit mootichis waan kan Waaqaa taʼeef dhimma mootichaa hunda irratti gosa Ruubeen gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee toʼattoota godhe.