27
Kutaawwan Loltootaa
Lakkoobsi ijoollee Israaʼel hangafoonni maatii isaanii, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni isaanii warri waan kutaawwan loltootaa kanneen waggaa guutuu jiʼa jiʼaan hojiitti ramadaman sanaa ilaalu hunda irratti mooticha tajaajilan kanaa dha. Tokkoon tokkoon kutaawwan loltootaa kunis nama 24,000 of keessaa qaba ture.
 
Jiʼa jalqabaatiif ajajaan kutaa loltootaa kan duraa Yaashobiʼaam ilma Zabdiiʼeel ture. Kutaa loltoota isaa keessas loltoota 24,000 ture. Innis sanyii Faaresii fi hangafa ajajjoota kutaa loltoota hundaa kan jiʼa jalqabaa ture.
Doodaayi namichi Ahooʼaa ajaja kutaa waraanaa kan jiʼa lammaffaaf ture; Miiqlooti hoogganaa kutaa waraana isaa ture. Kutaan waraana isaas namoota 24,000 of keessaa qaba ture.
Ajajaan kutaa waraanaa sadaffaan kan jiʼa sadaffaa immoo Benaayaa ilma Yehooyaadaa lubichaa ture. Innis hangafa; kutaan waraana isaa namoota 24,000 of keessaa qaba ture. Benaayaa kun isuma warra soddoma keessaa nama jabaa fi ajajaa warra soddoma sanaa ture sanaa dha. Amiizaabaad ilmi isaa immoo ajajaa kutaa waraana isaa ture.
Jiʼa afuraffaaf ajajaan kuta afuraffaa Asaaheel obboleessa Yooʼaab ture; kan iddoo isaa buʼe immoo ilma isaa Zebaadiyaa dha. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
Jiʼa shanaffaaf ajajaan kutaa shanaffaa Shamhuuti namicha Yizraa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
Jiʼa jaʼaffaaf Iiraa ilmi Iqeesh namicha Teqooʼaa sanaa ajajaa jaʼaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
10 Jiʼa torbaffaaf Heleez namichi Pheloonaa kan gosa Efreem sun ajajaa torbaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
11 Jiʼa saddeettaffaaf Siibekaay namichi biyya Hushaa kan gosa Zaarotaa ajajaa saddeettaffaa ture; kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
12 Jiʼa saglaffaaf Abiiʼezer namicha Anaatootii kan gosa Beniyaam sanattu ajajaa saglaffaa ture; kutaa isaa keessaa namoota 24,000 turan.
13 Jiʼa kurnaffaaf Maharaayi namicha Netoof kan gosa Zaaraa sanatu ajajaa kurnaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
14 Jiʼa kudha tokkoffaaf ajajaan kudha tokkoffaan Benaayaa namicha Phiraatoon kan gosa Efreem sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
15 Jiʼa kudha lammaffaaf ajajaan kudha lammaffaan Heldaayi namicha Netoof kan gosa Otniiʼeel sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
Hangafoota Gosootaa
16 Hangafoonni gosoota Israaʼel:
 
Gosa Ruubeen irratti: Eliiʼezer ilma Zikrii;
gosa Simiʼoon irratti: Shefaaxiyaa ilma Maʼakaa;
17 gosa Lewwii irratti: Hashabiyaa ilma Qemuuʼeel;
gosa Aroon irratti: Zaadoq;
18 gosa Yihuudaa irratti: Eliihuu obboleessa Daawit;
gosa Yisaakor irratti: Omrii ilma Miikaaʼel;
19 gosa Zebuuloon irratti: Yishmaʼiyaaʼuu ilma Obaadiyaa;
gosa Niftaalem irratti: Yeriimooti ilma Azriiʼeel;
20 gosa Efreem irratti: Hoosheeʼaa ilma Azaziyaa;
walakkaa gosa Minaasee irratti: Yooʼeel ilma Phedaayaa;
21 walakkaa gosa Minaasee kan Giliʼaad keessa jiraatuu irratti:
Iddoo ilma Zakkaariyaas; gosa Beniyaam irratti: Yaʼisiiʼel ilma Abneer;
22 gosa Daan irratti: Azariʼeel ilma Yirooham.
 
Hangafoonni gosoota Israaʼel isaan kanneen turan.
 
23 Daawit sababii Waaqayyo saba Israaʼel akkuma urjiiwwan samiitti baayʼisuuf waadaa galeef dhiira waggaa digdamaatii fi digdamaa gad taʼe hin lakkoofne. 24 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiirota lakkaaʼuu jalqabe malee lakkaaʼee hin fixne; sababii lakkoobsa kanaatiifis dheekkamsi Waaqaa Israaʼelitti dhufe; kanaafuu warri hedaman iyyuu galmee Daawit mootichaa keessatti hin galmeeffamne.
Shuumota Mootichaa
25 Azmaawet ilmi Aadiiʼeel shuumii mankuusaa qabeenya mootii ture.
Yoonaataan ilmi Uziyaa immoo shuumii miʼoota aanaalee, magaalaawwan, kan gandootaatii fi gamoowwan eegumsaa ture.
26 Ezeriin ilmi Kiluub shuumii qonnaan bultootaa ture.
27 Shimeʼiin namichi Raamaatii sun itti gaafatamaa iddoo dhaabaa wayinii ture.
Zabdiin namichi Shifaamii sun itti gaafatamaa mana cuunfaa wayinii iddoo dhaabaa wayinii keessaa ture.
28 Baʼaal-Haanaan namichi Gedeeraa sun shuumii mukkeen ejersaatii fi harbuu tabbawwan gaarran gama lixa biiftuutti argamanii ture.
Yooʼaash immoo shuumii mana zayitii ejersaa ture.
29 Shitraayi namichi Shaaroon shuumii karra loonii kan Shaaroonitti bobbaʼuu ture.
Shaafaax ilmi Aadilaay shuumii karra loowwan sulula keessa jiranii ture.
30 Oobiil namichi gosa Ishmaaʼeel sun shuumii gaalawwanii ture.
Yehideyaan namichi gosa Meeroonotaa shuumii harrootaa ture.
31 Yaaziiz namichi gosa Aggaar itti gaafatamaa bushaayee ture.
Isaan kunneen hundi shuumota qabeenya Daawit mootichaa turan.
 
32 Yoonaataan eessumni Daawit namichi beekaan barreessaan sun gorsituu ture;
Yehiiʼeel ilmi Hakmoonii immoo eegduu ilmaan mootichaa ture.
33 Ahiitofel gorsaa mootichaa ture.
Huushaayi namichi gosa Arki immoo michuu mootichaa ture.
34 Yehooyaadaan ilmi Benaayaatii fi Abiyaataar iddoo Ahiitofel buʼan.
Yooʼaab immoo ajajaa eegdota mootummaa ture.