2
Qophii Mana Qulqullummaa Ijaaruuf Godhame
2:1‑18 kwf – 1Mt 5:1‑16
Solomoonis akka Maqaa Waaqayyootiif manni qulqullummaa ofii isaaf immoo masaraan mootummaa ijaaramu ni ajaje. Innis namoota baʼaa baatan 70,000 warra gaarran irratti dhagaa cabsan 80,000 fi warra isaan toʼatan 3,600 gurmeesse.
Solomoon akkana jedhee Huuraam mooticha Xiiroositti ergaa kana erge:
“Akkuma yeroo akka Daawit abbaan koo mana keessa jiraatu ittiin ijaarratuuf muka birbirsaa ergiteef sana anaafis muka birbirsaa ergi. Kunoo ani Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana qulqullummaa ijaaree akka isa keessatti ixaanni urgaaʼaan fuula isaa duratti aarfamuuf, akka buddeenni qulqulleeffame yeroo yerootti dhiʼeeffamuu fi akka ganama hundaa fi galgala hunda, guyyoota Sanbataa, guyyaa Baatii Haaraatii fi guyyaa ayyaana Waaqayyo Waaqa keenyaa kan murtaaʼetti aarsaan gubamu dhiʼeeffamuuf addaan baasee isaa kennuuf yaadeera. Kunis Israaʼeliitiif seera bara baraa ti.
“Sababii Waaqni keenya waaqota kaan hunda irra guddaa taʼeef, manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa ni taʼa. Garuu waan samiiwwanii fi samiiwwan samii olii iyyuu isa baachuu hin dandeenyeef eenyutu mana qulqullummaa isaaf ijaaruu dandaʼa? Yoos iddoo aarsaan itti fuula isaa duratti gubamu malee mana qulqullummaa isaaf ijaaruuf ani eenyu?
“Kanaafuu akka inni ogeeyyii koo kanneen dandeettii hojii harkaa qaban warra abbaan koo Daawit qopheesse wajjin Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa hojjetuuf nama hojii warqeetii fi meetiitti, hojii naasiitii fi hojii sibiilaatti hojii kirrii diimaa dhiilgeetiin, diimaa akka dhiigaatii fi cuquliisaatti ogummaa qabaatee ogummaa waa soofuutiin leenjifame tokko naaf ergi.
“Akkasumas muka gaattiraa, muka birbirsaatii fi muka sandalii Libaanoon keessaa naaf ergi; ani akka namoonni kee ogummaa muka muruu qaban beekaatii. Namoonni koos namoota kee wajjin ni hojjetu; sababii manni qulqullummaa kan ani ijaaruuf jiru guddaa fi akka malee miidhagaa taʼuu qabuuf isaan muka hedduu naa qopheessuutii. 10 Anis garboota kee warra muka muraniif daakuu qamadii qoroosii kuma digdama, garbuu qoroosii kuma digdama, daadhii wayinii baadoosii kuma digdamaa fi zayitii ejersaa baadoosii kuma digdama nan kenna.”
11 Huuraam mootichi Xiiroos akkana jedhee xalayaadhaan Solomooniif deebise:
Waaqayyo waan saba isaa jaallatuuf mootii isaanii si godhe.”
12 Huuraamis ittuma fufee akkana jedhe:
Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni samii fi lafa uume sun haa eebbifamu! Inni Daawit mootichaaf ilma beekaa ogummaa fi hubannaan guutame kan Waaqayyoof mana qulqullummaa, ofii isaatiif immoo masaraa mootummaa ijaaru tokko kenneera.
13 “Ani kunoo Huuraamabii namicha ogummaa guddaa qabu tokko siif ergeera; 14 haati isaa nama biyya Daanii ti; abbaan isaa immoo nama biyya Xiiroosii ti. Innis ogummaa hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, kan dhagaatii fi mukaa, akkasumas kirrii diimaa dhiilgee, cuquliisaa, diimaa akka dhiigaatii fi quncee talbaa haphiitiin leenjifameera. Inni nama hojii waa soofuu gosa hundaatiin ogummaa kuufate kan karoora itti kenname kam iyyuu raawwachuu dandaʼuu dha. Innis ogeeyyii keetii fi ogeeyyii gooftaa koo, abbaa kee Daawit wajjin ni hojjeta.
15 “Kanaafuu amma gooftaan koo qamadii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi daadhii wayinii kan abdachiise sana garboota isaatiif haa ergu; 16 nus muka si barbaachisu hunda Libaanoonii murree walitti hiinee hamma Yoopheetti galaana irra gad siif ergina. Ati immoo Yerusaalemitti ni geeffatta.”
17 Solomoon erga Daawit abbaan isaa saba lakkaaʼeen duubatti alagoota Israaʼel keessa jiraatan hunda ni lakkaaʼe; baayʼinni isaaniis 153,600 taʼe. 18 Innis isaan keessaa nama 70,000 baʼaa baachuutti, nama 80,000 gaarran irratti dhagaa cabsuutti ramade; nama 3,600 immoo akka isaan namoota hojii hojjechiisaniif isaan irratti muude.