3
Solomoon Mana Qulqullummaa Ijaaruu Isaa
3:1‑14 kwf – 1Mt 6:1‑29
Solomoonis Yerusaalem keessatti iddoo Waaqayyo abbaa isaa Daawititti mulʼatetti Tulluu Mooriyaa irratti mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu jalqabe. Iddoon kunis iddoo Daawit oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti qopheessee dha. Innis bara mootummaa isaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii lammaffaa jiʼa lammaffaatti ijaaruu jalqabe.
Solomoonis mana qulqullummaa Waaqaa ijaaruudhaaf jedhee hundee dheerinni isaa akka safartuu duriitti dhundhuma jaatama taʼee dhundhuma digdama balʼatu ni buuse. Gardaafoon fuula mana qulqullummaa dura tures lafa irra dheerinni isa akkuma balʼina mana qulqullummaatti dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma dhibba tokkoo fi digdama ture.
Innis keessa manichaatti warqee qulqulluu uffise. Kutaa guddaa mana sanaattis muka birbirsaa maxxansee warqee qulqulluu itti uffise; fakkii meexxiitii fi foncaatiinis ni miidhagse. Mana qulqullummaa sanas dhagaawwan gati jabeeyyiitiin ni bareeche. Warqeen inni itti fayyadames warqee Farwaayim ture. Innis dareeraawwan, michichilawwan balbalaa, dhaaba manaatii fi cufaawwan mana qulqullummaatti warqee uffise; keenyan manaa sana irrattis fakkii Kiirubeelii soofe.
Innis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe ijaare; lafa irra dheerinni iddoo sanaas balʼina mana qulqullummaatiin wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Keessa isaa illee warqee qulqulluu taalaantii* dhibba jaʼa itti uffise. Mismaaronni warqees saqilii shantama ulfaatu ture. Kutaawwan ol aananittis akkasumas warqee uffise.
10 Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessatti kiirubeelii lama hojjechiisee warqee itti uffise. 11 Qoochoon kiirubeelii lamaanii walumatti dhundhuma digdama ture. Qoochoon kiirubii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dheeratee keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee Qoochoon kiirubii lammaffaa tuqa. 12 Akkasumas qoochoon kiirubii lammaffaa inni tokko dhundhuma shan dheeratee gama kaaniin keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee qoochoo kiirubii jalqabaa sanaa tuqa. 13 Qoochoowwan kiirubeelii kanneenii dhundhuma digdamii shan diriirfaman. Kiirubeeliin kunneenis fuula isaanii gara galma guddichaatti deebifatanii miilla isaaniitiin dhaabatan.
14 Innis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa hojjetee fakkii kiirubeelii isa irratti tolche.
15 Innis fuula mana qulqullummaa duratti utubaawwan lama kanneen walumatti dhundhuma soddomii shan dheeratan tolche; tokkoon tokkoon isaaniis guutuu dhundhuma shan dheeratu mataa irraa qabu turan. 16 Foncaa wal keessa loofames hojjetee mataa utubaawwanii irra kaaʼe. Akkasumas roomaanoota dhibba tokko hojjetee foncaa sanatti qabsiise. 17 Innis utubaawwan sana tokko karaa kibbaatiin kaan immoo karaa kaabaatiin fuula mana qulqullummaa dura dhadhaabe. Utubaa karaa kibbaatiin Yaakiin kan karaa kaabaatiin immoo Boʼeez jedhee moggaase.
* 3:8 3:8 Taalaantiin tokko kiiloo giraamii 34.