6
Cubbuuf Duʼuu, Kiristoosiin Immoo Jiraachuu
Egaa maal jenna ree? Akka ayyaanni baayʼatuuf ittuma fufnee cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu! Nu warri cubbuuf duune, siʼachi akkamitti cubbuu jala jiraanna? Yookaan nu warri Kiristoos Yesuusitti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii? Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne.
Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana. Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna; namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.
Egaa nu yoo Kiristoos wajjin duune, akka isa wajjin jiraannus ni amanna. Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu. 10 Inni duʼa duʼe sana siʼa tokko yeroo hundaaf cubbuuf duʼe; jireenya jiraatu sana garuu Waaqaaf jiraata.
11 Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Kiristoos Yesuusiin garuu akka Waaqaaf jiraattota taatanitti of hedaa. 12 Kanaafuu isin akka fedhii isaa hamaadhaaf hin ajajamneef dhagna keessan kan duʼa hin oolle irratti cubbuu hin moosisinaa. 13 Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Waaqaaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Waaqaaf dhiʼeessaa. 14 Isin ayyaana jala jirtu malee waan seera jala hin jirreef, cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu.
Garboota Qajeelummaa Taʼuu
15 Egaa maal haa taʼu ree? Nu sababii ayyaana jala malee seera jala hin jirreef cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu! 16 Cubbuu gara duʼaatti nama geessuufis taʼu yookaan ajajamuu gara qajeelummaatti nama geessuuf, yommuu akka garbootaatti nama tokkoof ajajamuuf of kennitanitti, nama ajajamtaniif sanaaf akka garboota taatan hin beektanii? 17 Isin yoo garboota cubbuu turtan illee amma garuu barumsa itti kennamtan sanaaf waan garaa guutuun ajajamtaniif Waaqaaf galanni haa taʼu. 18 Isin cubbuu irraa bilisoomtanii garboota qajeelummaa taataniirtu.
19 Sababii isin uumamaanuu dadhaboo taataniif ani jecha namaa galuun nan dubbadha; akkuma kutaa dhagna keessanii xuraaʼummaa fi hammina guddachaa deemuuf garba gootanii dhiʼeessaa turtan sana ammas kutaa dhagna keessanii qajeelummaa gara qulqullummaatti geessuuf garba godhaatii dhiʼeessaa. 20 Isin yeroo garboota cubbuu turtanitti, qajeelummaa irraa bilisa turtan. 21 Waan amma itti qaanoftan kana irraa yeroo sana buʼaa maalii argattan ree? Dhumni waan sanaa duʼaatii! 22 Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti. 23 Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti.