7
Fakkeenya Fuudhaa fi Heerumaa
Yaa obboloota, ani warra seera beekanitti nan dubbadhaatii; seerri nama tokko irratti taayitaa kan qabaatu hamma namichi sun lubbuun jiru qofa akka taʼe isin hin beektanii ree? Dubartiin heerumte tokko hamma inni lubbuudhaan jirutti seeraan dhirsa isheetti hidhamteerti; yoo dhirsi ishee duʼe garuu seera fuudhaa fi heerumaa sana irraa hiikamteerti. Kanaafuu utuu dhirsi ishee lubbuudhaan jiruu yoo nama biraatti heerumte isheen ejjituu jedhamti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu waan seera sana irraa hiikamteef yoo nama biraatti heerumte illee ejjitu miti.
Kanaafuu yaa obboloota ko, isinis akkasuma karaa dhagna Kiristoosiin seeraaf duutaniirtu; kunis akka isin kan biraa, kan isa warra duʼan keessaa kaafame sanaa taataniif; kun immoo akka nu Waaqaaf ija naqannuuf. Yeroo nu akka namummaa cubbamaatti jiraachaa turretti, hawwiin cubbuu kan seeraan kakaafame sun akka nu duʼaaf ija naqannuuf dhagna keenya keessatti hojjechaa ture. Amma garuu waan duraan nu hidhee ture sanaaf duʼuudhaan seera irraa hiikamneerra; kunis akka seera moofaa barreeffame sana jalatti tajaajilluuf utuu hin taʼin akka jireenya Hafuuraa haaraa sanaan tajaajilluuf.
Seeraa fi Cubbuu
Egaa maal jenna ree? Seerri cubbuudhaa? Gonkumaa akkas miti! Garuu ani utuu seeraan taʼuu baatee cubbuun maal akka taʼe hin beeku ture. Utuu seerri “Hin hawwin”* jechuu baatee ani silaa hawwiin maal akka taʼe dhugumaan hin beeku ture. Cubbuun garuu carraa ajajni argamsiiseen hawwii hamaa gosa hundaa na keessatti uume. Lafa seerri hin jirretti cubbuun duʼaadhaatii. Ani dur seera malee jiraachaan ture; yommuu ajajni dhufetti garuu cubbuun ni bayyanatte; anis nan duʼe. 10 Ajajni jireenya fida jedhamee eegame sunis akka duʼa natti fide nan hubadhe. 11 Cubbuun carraa ajajni argamsiiseen na gowwoomse; ajajuma sanaanis na ajjeese. 12 Kanaafuu seerri qulqulluu dha; ajajni sunis qulqulluu dha; qajeelaa dha; gaarii dhas.
13 Egaa waan gaarii sanatu duʼa natti taʼee ree? Gonkumaa akkas miti! Cubbuunis akka cubbuutti akka ilaalamuuf, akka karaa ajajaatiin ittuma caalee cubbuu taʼuufis cubbuun karaa waan gaarii sanaatiin duʼa natti fide.
14 Nus akka seerri sun seera hafuuraa taʼe ni beekna; ani garuu nama foonii kan akkuma garbaatti cubbuutti gurguramee dha. 15 Ani waanan hojjedhu hin beeku. Ani waanan jibbun hojjedha malee waanan hojjechuu barbaadu hin hojjedhuutii. 16 Ani erga waanan hojjechuu hin barbaanne hojjedhee, akka seerri sun gaarii taʼe walii nan gala. 17 Yoos, siʼachi cubbuu na keessa jiraatutu waan kana hojjeta malee ana miti. 18 Na keessa jechuunis namummaa koo cubbamaa keessa akka wanni gaariin tokko iyyuu hin jirre nan beeka. Ani waan gaarii hojjechuu nan hawwa; garuu hojjechuu hin dandaʼu. 19 Wanti ani hojjedhu waan hamaa ani hojjechuu hin barbaanne malee waan gaarii ani hojjechuu barbaadu mitiitii. 20 Egaa ani waanan hojjechuu hin barbaanne yoon hojjedhe, siʼachi cubbuu na keessa jiraatu sanatu waan kana hojjeta malee ana miti.
21 Kanaafuu akka seerri sun hojjechaa jiru nan hubadha; yommuu ani waan gaarii hojjechuu barbaadu hamminni na biratti argama. 22 Ani keessa namummaa kootti seera Waaqaattin nan gammadaatii; 23 ani garuu utuu seerri biraa seera qalbii koo wajjin kutaa dhagna koo keessatti wal lolee seera cubbuu kan kutaa dhagna koo keessa jiruuf na boojiʼuu nan arga. 24 Ani nama gadadamaa akkamii ti! Dhagna duʼu kana jalaa eenyutu na baasa? 25 Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin galanni Waaqaaf haa taʼu!
Kanaafuu ani mataan koo qalbii kootiin garbicha seera Waaqaa ti; namummaa koo cubbamaadhaan garuu ani garbicha seera cubbuu ti.
* 7:7 7:7 Bau 20:17; KeD 5:21