11
Saaʼol Magaalaa Yaabeesh Baraare
Naahaash namichi Amoon sun ol baʼee Yaabeesh Giliʼaadin marse. Namoonni Yaabeesh hundinuus Naaʼaashiin, “Kottu walii galtee godhannaa; nus siif hojjennaa” jedhan.
Naahaash namichi Amoon garuu, “Ani kanan isin wajjin walii galtee godhadhu yoo ija mirgaa tokkoo tokkoo keessanii isin keessaa baasee akkasiin Israaʼel hunda salphise qofa” jedhee deebiseef.
Maanguddoonni Yaabeesh immoo, “Akka nu guutummaa Israaʼel keessa ergamoota ergannuuf guyyaa torba nuuf obsi; yoo namni nu oolchu tokko iyyuu jiraachuu baate nu siif bulla” isaan jedhan.
Ergamoonni kunneenis yommuu gara Gibeʼaa iddoo Saaʼol jiraatu dhufanii waan kana namootatti himanitti, namoonni hundi sagalee ol fudhatanii ni booʼan. Yeroo sanatti Saaʼol sangoota isaa oofaa iddoo qonnaatii gala ture; innis, “Sabni kun maal taʼee booʼa?” jedhee gaafate. Isaanis waan namoonni Yaabeesh jedhan sana isatti himan.
Yeroo Saaʼol dubbii kana dhagaʼettis Hafuurri Waaqaa humnaan isa irra buʼe; innis aaree bobaʼe. Innis sangoota cimdii tokko fuudhee kukkutee foon isaanii harka ergamootaatti erguudhaan, “Sangoonni nama Saaʼolii fi Saamuʼeelin duukaa hin buune kamii iyyuu akkas taʼu” jedhee guutummaa Israaʼel keessa labse. Sodaachifni Waaqayyoos waan nama hunda qabateef namni hundinuu akkuma nama tokkootti baʼe. Saaʼol iddoo Bezeq jedhamutti walitti isaan qabe; baayʼinni Israaʼelootaa kuma dhibba sadii, kan warra Yihuudaa immoo kuma soddoma ture.
Isaanis ergamoota dhufan sanaan, “Namoota Yaabeesh Giliʼaadiin, ‘Bor yeroo aduun hoʼutti bilisa baatu’ jedhaatii itti himaa” jedhaniin. Yommuu ergamoonni sun dhaqanii waan kana isaanitti odeessanitti warri Yaabeesh akka malee gammadan. 10 Isaanis namoota Amooniin, “Nu bor harka keenya isinitti kennanna; isin waan isinitti gaarii fakkaate hunda nu gochuu ni dandeessu” jedhan.
11 Guyyaa itti aanutti Saaʼol namoota isaa garee sadiitti qoode; gara barii halkaniittis dallaa Amoonotaa cabsanii seenuudhaan hamma lafti hoʼutti isaan qalan. Kanneen hafan immoo gargar faffacaʼan; isaan keessaas namni lama iyyuu wal biratti hin hafne.
Saaʼol Mootii Taʼuun Isaa Ni Mirkaneeffame
12 Ergasiis namoonni Saamuʼeeliin, “Warri, ‘Saaʼol nurratti mootii taʼuu hin qabu’ jedhan eenyu faʼi? Namoota kanneen nuu fidi ni ajjeefnaatii” jedhan.
13 Saaʼol garuu, “Guyyaan kun gaafa itti Waaqayyo Israaʼelin baraare waan taʼeef namni tokko iyyuu harʼa hin ajjeefamu” jedhe.
14 Saamuʼeel immoo namootaan, “Kottaa Gilgaal dhaqnee mootii taʼuu isaa achitti mirkaneessinaa” jedhe. 15 Kanaafuu namoonni hundinuu gara Gilgaal dhaqanii Saaʼol mootii taʼuu isaa fuula Waaqayyoo duratti mirkaneessan. Aarsaa nagaas fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan; Saaʼolii fi sabni Israaʼel hundis guddaa gammadan.