12
Saamuʼeel Uummataan Nagaatti Jedhe
Saamuʼeel Israaʼeloota hundaan akkana jedhe; “Kunoo ani waan isin naan jettan hunda dhagaʼeera; mootii isin irratti moosiseera. Nama mootii taʼee isin hoogganus argattaniirtu. Ani dulloomee arrii baaseera; ilmaan koo kunoo isin wajjin jiru. Ani ijoollummaa kootii jalqabee hamma harʼaatti isin hoogganeera. Ani asan jira; isinis fuula Waaqayyootii fi fuula mooticha inni dibee duratti dhugaa natti baʼaa. Ani sangaa eenyuun fudhadhe? Ani harree eenyuun fudhadhe? Ani eenyun gowwoomse? Ani eenyun cunqurse? Ittiin ija koo jaamsuuf ani eenyu harkaan mattaʼaa fudhadhe? Ani yoon fudhadhee jiraadhe isiniif nan deebisa.”
Isaanis deebisanii, “Ati nu hin gowwoomsine yookaan nu hin cunqursine. Nama tokko harkaa iyyuu waan tokko illee hin fudhanne” jedhan.
Saamuʼeel immoo, “Akka isin waan tokko illee harka kootti hin argatin Waaqayyo isinitti dhugaa baʼa; dibamaan isaas harʼa dhugaa baʼa” isaaniin jedhe.
Isaanis, “Inni dhuga baʼaa dha” jedhan.
Ergasiis Saamuʼeel namootaan akkana jedhe; “Kan Musee fi Aroonin dibee abbootii keessan biyya Gibxii baase Waaqayyoo dha. Egaa waaʼee hojii qajeelaa kan Waaqayyo isinii fi abbootii keessaniif hojjete hunda akka ani fuula Waaqayyoo duratti isinitti falmuuf as dhaabadhaa.
“Yeroo Yaaqoob biyya Gibxi seenetti abbootiin keessan Waaqayyootti iyyatan; Waaqayyos Musee fi Aroon warra abbootii keessan biyya Gibxii baasanii iddoo kana qubachiisan erge.
“Isaan garuu Waaqayyo Waaqa isaanii irraanfatan; kanaaf inni dabarsee harka Siisaaraa ajajaa waraana Haazooriitti, Filisxeemotaa fi mootii Moʼaabitti isaan gurgure; jarris waraana itti banan. 10 Isaanis Waaqayyotti iyyatanii, ‘Nu cubbuu hojjenneerra; Waaqayyoon dhiifnee Baʼaalii fi Ashtooretin tajaajilleerra. Amma garuu harka diinota keenyaatii nu baasi; nus si tajaajilla’ jedhan. 11  Waaqayyo Yerub-Baʼaalin, Bedaanin, Yiftaa fi Saamuʼeelin ergee akka isin nagaan jiraattaniif karaa hundaan harka diinota keessaniitii isin baase.
12 “Yommuu akka Naahaash mootiin Amoonotaa isinitti dhufe argitanitti garuu, Waaqayyo Waaqni keessan mootii keessan taʼu iyyuu isin, ‘Lakki; nu mootii nu bulchu barbaannaa’ jettan. 13 Ammas mootiin isin gaafattanii fi filattan kunoo ti! Waaqayyo mootii isin irratti moosiseera. 14 Yoo isin Waaqayyoon sodaattan, yoo isa tajaajiltan, yoo isaaf ajajamtanii fi yoo ajaja isaatti finciluu baattan, yoo hundi keessanii fi mootiin isin irratti moosifame sun Waaqayyo Waaqa keessan faana buutan gaarii dha! 15 Yoo isin Waaqayyoof ajajamuu baattanii ajaja isaatti finciltan akkuma abbootii keessanitti kaʼe sana harki isaa isinittis ni kaʼa.
16 “Egaa jabaadhaa dhaabadhaatii waan guddaa Waaqayyo fuula keessan duratti godhu kana ilaalaa! 17 Amma yeroo itti qamadiin haamamuu mitii? Ani akka inni qaqawweessaa fi bokkaa erguuf Waaqayyoon nan kadhadha. Isin yeroo mootii isin bulchu gaafattanitti akka waan hamaa fuula Waaqayyoo duratti hojjettan ni hubattu.”
18 Kana irratti Saamuʼeel Waaqayyoon waammate; Waaqayyos yeruma sana qaqawweessaa fi bokkaa erge. Namoonni hundinuus Waaqayyoo fi Saamuʼeelin akka malee sodaatan.
19 Namoonni hundinuus Saamuʼeeliin, “Akka nu tajaajiltoonni kee hin dhumneef Waaqayyoon Waaqa kee nuuf kadhadhu; nu cubbuu keenya hunda irratti daballee mootiin nurratti akka moʼu gaafachuudhaan daba hojjenneerraatii” jedhan.
20 Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe; “Hin sodaatinaa; isin hammina kana hunda raawwattaniirtu; taʼus garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajilaa malee Waaqayyo irraa hin deebiʼinaa. 21 Garagaltanii wantoota faayidaa hin qabne kanneen isin fayyaduu yookaan isin oolchuu hin dandeenye duukaa hin buʼinaa; isaan faayidaa hin qabaniitii. 22  Waaqayyo sababii maqaa isaa guddaa sanaatiif jedhee saba isaa hin gatu; Waaqayyo kan ofii isaa isin godhachuu jaallateeraatii. 23 Akka yaada kootti ani isinii kadhachuu dhiisee Waaqayyotti yakka hojjechuun narraa haa fagaatu. Ani karaa gaarii fi qajeelaa taʼe isin nan barsiisa. 24 Garuu Waaqayyoon sodaadhaa; garaa keessan guutuunis amanamuudhaan isaaf hojjedhaa; waan guddaa inni isinii godhes yaadadhaa. 25 Yoo hammina hojjechuu itti fuftan garuu, isinis mootiin keessanis ni baddu.”