15
Saaʼol Waaqayyo Biratti Fudhatama Dhabuu Isaa
Saamuʼeelis Saaʼoliin akkana jedhe; “Akka ati saba isaa Israaʼel irratti mootii taatuuf akka ani si dibuuf Waaqayyo na ergeera; kanaafuu ati amma dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Waaqayyo Waan Hundumaa Dandaʼu akkana jedha: ‘Waan isaan yeroo Israaʼel Gibxii baʼetti karaa irratti isaaniin mormuudhaan godhan sanaaf ani Amaaleqoota nan adaba. Amma dhaqii Amaaleqoota dhaʼiitii waan kan isaanii taʼe hunda barbadeessi. Isaan hin hambisin; dhiirotaa fi dubartoonni, ijoollee fi daaʼimman, loonii fi hoolota, gaalawwanii fi harroota fixi.’ ”
Kanaafuu Saaʼol iddoo Xilaaʼiim jedhamutti namoota walitti qabee lakkaaʼe; isaanis loltoota lafoo kuma dhibba lamaa fi namoota Yihuudaa kuma kudhan turan. Saaʼolis gara magaalaa Amaaleqootaa dhaqee sulula tokko keessa riphee taaʼe. Innis Qeenotaan, “Akka ani Amaaleqoota wajjin isin hin balleessineef achi hiiqaa; isaan irraas fagaadhaa; isin yeroo Israaʼeloonni hundi Gibxii baʼanitti waan gaarii isaaniif gootaniirtuutii” jedhe. Kanaafuu Qeenonni Amaaleqoota irraa fagaatan.
Ergasii Saaʼol Hawiilaa hamma Shuuri kan baʼa Gibxiitti argamuutti Amaaleqoota dhaʼe. Innis Agaag mooticha Amaaleqootaa utuma lubbuun jiruu boojiʼe; namoota isaa hundas guutumaan guutuutti goraadeen fixe. Saaʼolii fi loltoonni isaa garuu Agaagin, hoolotaa fi loon, jabboota coccoomoo fi xobbaallaawwan hoolaa, waan gaarii hundas ni hambisan. Isaan kana guutumaan guutuutti fixuun fedhii isaanii hin turre; garuu waan tuffatamaa fi dadhabaa hunda guutumaan guutuutti barbadeessan.
10 Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Saamuʼeel dhufe; 11 “Ani Saaʼolin mootii gochuu kootti gaabbeera; inni sababii narraa garagaleef ajaja koo hin eegne.” Saamuʼeelis akka malee dhiphatee halkan sana guutuu Waaqayyotti booʼaa bule.
12 Saamuʼeelis ganama bariin kaʼee Saaʼolin arguu deeme; taʼus, “Saaʼol gara Qarmeloos deemeera. Achittis erga soodduu yaadannoo isaa dhaabbatee booddee gara Gilgaalitti gad buʼeera” jedhamee itti himame.
13 Yeroo Saamuʼeel Saaʼol bira dhaqettis Saaʼol, “Waaqayyo si haa eebbisu! Ani ajaja Waaqayyoo eegeera” jedhe.
14 Saamuʼeel garuu, “Yoos marʼachuun hoolotaatii fi barooduun sangootaa kan ani dhagaʼu kun maali ree?” jedhe.
15 Saaʼolis, “Loltootatu Amaaleqoota irraa boojiʼee isaan fide; hoolotaa fi loon keessaa kanneen filatamoo taʼan Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa gochuuf hambisaniiru; nu garuu kanneen hafan guutumaan guutuutti barbadeessineerra” jedhee deebise.
16 Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Afachu! Ani waan Waaqayyo eda halkan natti hime sittin himaa” jedhe.
Saaʼolis deebisee, “Natti himi” jedhe.
17 Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “Ati ija ofii keetii duratti xinnaa kan taatu iyyuu bulchaa gosa Israaʼel hin taanee? Waaqayyos Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera. 18 Inni, ‘Dhaqiitii Amaaleqoota cubbamoota sana guutumaan guutuutti barbadeessi; hamma isaan fixxuttis isaan waraani’ jedhee si ergee ture. 19 Ati maaliif Waaqayyoof hin ajajamne ree? Maaliif gaggabdee boojuu irratti lafa dhooftee fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjette?”
20 Saaʼolis akkana jedhee deebise; “Ani Waaqayyoof ajajameera; gara Waaqayyo itti na erges dhaqeera. Ani Amaaleqoota guutumaan guutuutti barbadeessee mootii isaanii Agaagin fideera. 21 Loltoonni garuu Gilgaalitti Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhanii boojuu sana keessaa waan filatamaa Waaqaaf qulqulleeffame keessaa hoolotaa fi loon fudhatan.”
22 Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe:
Waaqayyo akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana,
aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa?
Ajajamuutu aarsaa caala;
dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala.
23 Fincilli akka cubbuu falfala hojjechuu ti;
mata jabinnis akka hammina Waaqa tolfamaa waaqeffachuu ti.
Waan ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef,
anis akka ati mootii hin taane si tuffadheera.”
24 Saaʼolis Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Ani cubbuu hojjedheera. Ani ajaja Waaqayyootii fi dubbii kee fudhachuu dideera. Ani waanan namoota sodaadheef isaanii ajajameera. 25 Ammas cubbuu koo naa dhiisiitii akka ani Waaqayyoof sagaduuf na wajjin deebiʼi.”
26 Saamuʼeel immoo, “Ani si wajjin hin deebiʼu. Ati dubbii Waaqayyoo tuffatteerta; Waaqayyos saba Israaʼel irratti mootii taʼuu kee tuffateera!” jedheen.
27 Akkuma Saamuʼeel deemuuf of irra garagaleenis Saaʼol handaara uffata isaa qabe; uffanni isaas ni tarsaʼe. 28 Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “Waaqayyo harʼa mootummaa Israaʼel sirraa tarsaasee ollaa kee kan si caalu tokkoof kenneera. 29 Inni ulfina Israaʼel taʼe sun takkumaa hin sobu yookaan yaada isaa hin geeddaru; akka yaada isaa hin geeddarreef inni nama miti.”
30 Saaʼol immoo deebisee, “Ani cubbuu hojjedheera. Garuu fuula maanguddoota saba kootiitii fi fuula Israaʼel duratti ulfina naa kenni; akka ani Waaqayyo Waaqa keetiif sagaduufis kottuu na wajjin deebiʼi” jedhe. 31 Saamuʼeel akkasiin Saaʼol wajjin deebiʼe; Saaʼolis Waaqayyoof sagade.
32 Saamuʼeelis, “Agaag mootii Amaaleqootaa sana as naa fidaa” jedhe.
Agaagis, “Hadhaan duʼaa dhugumaan narraa fagaateera” jedhee gammadaa gara isaa dhufe.
33 Saamuʼeel garuu,
“Akkuma goraadeen kee dubartoota ilmoo malee hambise sana,
haati kees dubartoota keessaa ilmoo malee hafti”
jedhe. Saamuʼeelis Gilgaalitti fuula Waaqayyoo duratti Agaagin ciccire.
34 Ergasiis Saamuʼeel gara Raamaa deeme; Saaʼol garuu gara mana ofii isaa, gara Gibeʼaa Saaʼolitti qajeele. 35 Saamuʼeel hamma gaafa duʼeetti deebiʼee Saaʼolin hin argine; Saamuʼeel garuu Saaʼoliif booʼaa ture. Waaqayyos Israaʼel irratti Saaʼolin mootii gochuu isaatti ni gaabbe.