16
Saamuʼeel Daawitin Dibuu Isaa
Waaqayyos Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Saaʼol isa ani akka inni Israaʼel irratti mootii hin taaneef tuffadhe sanaaf hamma yoomiitti boossa? Gaanfa keetti zayitii guuttadhuutii deemi; ani gara Isseeyi nama Beetlihemitti sin erga. Ani ilmaan isaa keessaa isa tokko akka mootii taʼuuf filadheeraatii.”
Saamuʼeel garuu, “Ani akkamittin deemuu dandaʼa? Saaʼol yoo waan kana dhagaʼe na ajjeesa” jedhe.
Waaqayyo immoo akkana jedhe; “Goromsa tokko fudhadhuu dhaqiitii, ‘Ani Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuufin dhufe’ jedhi. Isseeyinis gara aarsaatti waami; ani waan ati gootu sitti argisiisa. Atis nama ani sitti argisiisu sana naa dibda.”
Saamuʼeelis waan Waaqayyo isa ajaje godhe. Yommuu inni Beetlihem gaʼetti maanguddoonni magaalaa sanaa hollachaa isa simachuu dhufanii, “Ati naguma dhuftee?” jedhanii isa gaafatan.
Saamuʼeelis deebisee, “Eeyyee naguma; ani Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuun dhufe. Isinis of qulqulleessaatii na wajjin gara aarsaa kottaa” jedhe. Ergasiis inni Isseeyii fi ilmaan isaa qulqulleessee gara aarsaatti isaan waame.
Yeroo isaan achi gaʼanittis Saamuʼeel Eliiyaabin argee, “Dhugumaan namni Waaqayyo dibe as fuula Waaqayyoo dura dhaabateera” jedhee garaatti yaade.
Waaqayyo garuu Saamuʼeeliin, “Ani isa tuffadheeraatii bifa isaa yookaan hojjaa isaa hin ilaalin. Waaqayyo waan namni ilaalu hin ilaalu. Namni bifa ilaala; Waaqayyo garuu waan garaa keessa jiru ilaala” jedhe.
Isseeyis ergasii Abiinaadaabin waamee akka inni fuula Saamuʼeel dura darbu godhe. Saamuʼeel garuu, “Waaqayyo isa kana hin filanne” jedhe. Isseey akka Shamaan darbu godhe; Saamuʼeel garuu, “Waaqayyo isa kanas hin filanne” jedhe. 10 Isseey akka ilmaan isaa torbanuu fuula Saamuʼeel dura darban godhe; Saamuʼeel garuu, “Waaqayyo isaan kanneen hin filanne” jedhe. 11 Innis, “Ilmaan kee hundi kanneenumaa?” jedhee Isseeyin gaafate.
Isseeyis, “Quxxisuun hunda isaanii tokko jira; inni garuu hoolota tiksaa jira” jedhe.
Saamuʼeelis, “Nama itti ergiitii isa fichisiisi; nu hamma inni dhufutti hin teenyuutii” jedhe.
12 Kanaaf Isseeyi nama itti ergee isa fichisiise. Innis diimaa, nama iji isaa miidhaguu fi nama dhaaba tolu ture.
Waaqayyos, “Kaʼii isa dibi; inni ani filadhe isa kanaatii” jedhe.
13 Kanaafuu Saamuʼeel gaanfa zayitii fuudhee fuula obboloota isaa duratti isa dibe; guyyaa sanaa jalqabee Hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawit irra buʼe. Saamuʼeelis gara Raamaa deeme.
Daawit Saaʼolin Tajaajiluu Isaa
14 Hafuurri Waaqayyoos Saaʼol irraa fagaate; hafuurri hamaan Waaqayyo biraa ergame immoo Saaʼolin dhiphise.
15 Tajaajiltoonni Saaʼol akkana isaan jedhan; “Kunoo hafuurri hamaan Waaqa biraa ergamee si dhiphisaa jira. 16 Egaa gooftaan keenya akka isaan nama baganaa taphachuu dandaʼu barbaadaniif tajaajiltoota isaa warra fuula isaa dura jiran haa ajaju. Innis yommuu hafuurri hamaan sun Waaqa biraa sitti dhufu baganaa siif taphata; sittis ni wayyaaʼa.”
17 Kanaafuu Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Nama akka gaariitti baganaa taphachuu dandaʼu tokko barbaadaatii naa fidaa” jedhe.
18 Tajaajiltoota sana keessaa tokko, “Kunoo ilma Isseey nama Beetlihem kan baganaa taphachuu beeku tokko ani argeera. Innis jagnaa fi loltuu dha. Nama dubbii beekuu fi miidhagaa dha. Waaqayyos isa wajjin jira” jedhee deebise.
19 Saaʼolis Isseeyitti ergamoota ergee, “Ilma kee Daawit isa hoolota bira jiru sana naa ergi” jedhe. 20 Isseeyis harree tokko fidee buddeenaa fi daadhii wayinii qalqalloo tokko itti feʼee, ilmoo reʼee tokko wajjin ilma isaa Daawitin Saaʼoliif erge.
21 Daawit gara Saaʼol dhufee tajaajila isaa jalqabe. Saaʼol akka malee isa jaallate; Daawitis nama miʼa lolaa isaaf baatu taʼe. 22 Saaʼolis, “Akka inni na wajjin turee na tajaajiluuf Daawitiif eeyyami; ani isatti gammadeeraatii” jedhee Isseeyitti dhaame.
23 Yommuu hafuurri hamaan Waaqa biraa Saaʼolitti dhufu hunda, Daawit baganaa isaa fudhatee taphata ture; Saaʼolis boqonnaa argata; itti wayyaaʼas ture. Hafuurri hamaan sunis isa dhiisee deema ture.