6
Taabonni Gara Yerusaalemitti Fidamuu Isaa
6:1‑11 kwf – 1Sn 13:1‑14
6:12‑19 kwf – 1Sn 15:25–16:3
Daawit ammas namoota Israaʼel keessaa filataman kuma soddoma walitti qabate. Innii fi namoonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqaa kan Maqaa, maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu kan taabota gubbaa, kiirubeelii teessoo irra jiran gidduu jiru sanaatiin waamamu sana achii fiduuf gara Baʼaalaa ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan. Isaanis taabota Waaqaa gaarii haaraa irra kaaʼanii mana Abiinaadaab kan gaara irra jiru sanaa baasanii fidan. Ilmaan Abiinaadaabii, Uzaa fi Ahiiyoon gaarii haaraa sana oofaa turan; taabonni Waaqaas gaarii irra kaaʼamee Ahiiyoon dura dura deema ture. Daawitii fi Israaʼel hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaadhaan, masiinqoodhaan, baganaadhaan, dibbeedhaan, bilbilaan, Kililleedhaanis fuula Waaqayyoo duratti gammadanii shuubbisaa turan.
Yommuu isaan oobdii Naakoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan harka isaa hiixatee taabota Waaqaa qabe. Sababii hojii isaa kan ulfina hin qabneetiif dheekkamsi Waaqayyoo Uzaatti bobaʼe; kanaafuu Waaqni isa rukute; innis achumatti taabota Waaqaa biratti duʼe.
Daawitis sababii Waaqayyo akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.
Daawitis gaafa sana Waaqayyoon sodaatee, “Taabonni Waaqayyoo akkamitti gara koo dhufa?” jedhe. 10 Innis akka taabonni Waaqayyoo isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti fudhachuu hin barbaanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse. 11 Taabonni Waaqayyoos jiʼa sadii mana namicha Gitii kan Oobeed Edoom jedhamu sanaa ture; Waaqayyos isaa fi warra mana isaa jiraatan hunda ni eebbise.
12 Yeroo kanatti, “Waaqayyo sababii taabota Waaqaatiif jedhee warra mana Oobeed Edoom jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise” jedhanii Daawit Mootichatti himan. Kanaafuu Daawit gad buʼee taabota Waaqaa sana mana Abiidaaraatii gammachuudhaan gara Magaalaa Daawititti fide. 13 Innis akkuma namoonni taabota Waaqayyoo baatan sun tarkaanfii jaʼa achi hiiqaniin sangaa tokkoo fi jabbii coomaa tokko aarsaa dhiʼeesse. 14 Daawitis Dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee qondaaltota isaa wajjin fuula Waaqayyoo duratti humna isaa guutuun shuubbisa ture; 15 innii fi Israaʼel hundi “hoo” jechaa sagalee malakataatiin taabota Waaqayyoo fidan.
16 Yeroo taabonni Waaqayyoo Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi fuula Waaqayyoo duratti utaalee shuubbisu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.
17 Isaanis taabota Waaqayyoo fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; Daawitis aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeesse. 18 Innis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin namoota ni eebbise. 19 Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama tuuta Israaʼelootaa guutuu keessa jiruutiif jechuunis dhiirotaafis dubartootaafis buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne. Namoonni hundinuus gara mana mana isaanii deeman.
20 Yommuu Daawit maatii ofii isaa eebbisuuf deebiʼettis Miikaal intalli Saaʼol isa simachuuf baatee, “Harʼa mootiin Israaʼel akka nama gatii hin qabne tokkootti fuula xomboreewwan hojjettoota isaa duratti qullaa argamuun isaa ulfina taʼeeti moo!” jette.
21 Daawit immoo Miikaaliin akkana jedhe; “Ani fuula Waaqayyo isa abbaa keetii fi warra mana isaa jiran caalchisee na filatee saba Waaqayyoo, Israaʼel irratti na muude sanaaf fuula Waaqayyoo duratti nan shuubbisa. 22 Ani kana caalaa iyyuu ofin xinneessa; ija kee durattis of nan salphisa. Xomboreewwan ati jette kanneeniin garuu nan kabajama.”
23 Miikaal intalli Saaʼol utuu ijoollee hin argatin duute.