7
Abdii Waaqayyo Daawitiif Kenne
7:1‑17 kwf – 1Sn 17:1‑15
Mootichi erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee Waaqayyo diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda jalaa isa boqochiisee booddee, Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni Waaqaa garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.
Naataan immoo mootichaan, “Waaqayyo si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.
Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe:
“Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼii? Ani gaafan Israaʼeloota Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani iddoo jireenya koo dunkaana godhadhee iddoo tokkoo gara iddoo biraa naannaʼaan ture. Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu bulchitoota akka isaan saba koo Israaʼelin eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’
“Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe. Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii guddaa nan godha. 10 Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan; 11 isaan siʼachi waan gaafa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan. Ani diinota kee hunda jalaas sin boqochiisa.
“ ‘Akka Waaqayyo mataan isaa mana siif ijaaru Waaqayyo sittin hima; 12 yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii kee wajjin boqottutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee kan gudeeda keetii baʼu nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba. 13 Kan maqaa kootiif mana ijaaru isa; anis teessoo mootummaa isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba. 14 Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Yommuu inni balleessaa hojjetuttis ulee namootaatiin isa nan adaba; alangee ilmaan namaa ittiin garafamaniinis nan garafa. 15 Jaalalli koo garuu akka jaalala ani Saaʼol isa ani fuula kee duraa balleesse sana irraa fudhadhe isa irraa hin fudhatamu. 16 Mannii fi mootummaan kee bara baraan fuula koo dura ni jiraata; teessoon kees bara baraan jabaatee ni dhaabata.’ ”
17 Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
Daawit Waaqa Kadhachuu Isaa
7:18‑29 kwf – 1Sn 17:16‑27
18 Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula Waaqayyoo dura taaʼee akkana jedhe:
“Yaa Waaqayyo Gooftaa, kan ati asiin na geesse ani eenyu? Maatiin koos maali? 19 Yaa Waaqayyo Gooftaa, akka waan wanni kun fuula kee duratti gaʼaa hin taʼiniitti ati waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duratti taʼus dubbatte. Yaa Waaqayyo Gooftaa, edaa walitti dhufeenyi ati namoota wajjin qabdu kanaa?
20 “Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati garbicha kee ni beektaatii. 21 Ati sababii dubbii keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana hojjettee akka garbichi kee beeku goote.
22 “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati akkam guddaa dha! Kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru. 23 Sabni akka saba kee Israaʼel, kan Waaqni akka inni saba isaa taʼuuf maqaa ofii isaa dhaabbachuuf jedhee isa furuuf saboota ormaatii fi waaqota isaanii illee fuula isaa duraa ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa argisiisuudhaan baʼee biyya Gibxii furee baase kan biraa lafa irraa kamii dha? 24 Ati saba kee Israaʼelin kan ofii keetii gootee bara baraan dhaabdeerta; yaa Waaqayyo ati Waaqa isaanii taateerta.
25 “Ammas yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati waadaa garbicha keetii fi mana isaatiif galte sana bara baraan eegi. Kanas akkuma waadaa galte sana raawwadhu; 26 kunis akka maqaan kee bara baraan guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Israaʼel irratti Waaqa!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.
27 “Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, Waaqa Israaʼel ati, ‘Ani mana siif nan ijaara’ jettee garbicha keetti waan kana mulʼifteerta; kanaafuu garbichi kee kadhannaa kana sitti dhiʼeessuuf ija jabina argateera. 28 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati Waaqa! Dubbiin kee amanamaa dha; atis waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta. 29 Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee haa taʼu; yaa Waaqayyo Gooftaa, ati dubbatteertaatii; eebba keetiinis manni garbicha keetii bara baraan ni eebbifama.”