2
Ishee
Ani daraaraa Shaaroon;
daraaraa sulula keessaa ti.
Isa
Jaalalleen koo dubarran kaan gidduu ti
akkuma daraaraa qoraattii keessaa ti.
Isa
Michuun koo dargaggoota gidduutti
akkuma muka hudhaa kan mukkeen bosonaa keessa jiruu ti.
Ani gaaddisa isaa jala taaʼuu nan jaalladha;
iji isaas natti miʼaawa.
Inni galma cidhaatti na geesse;
akeekni inni naaf qabu jaalala.
Sababii ani jaalalaan gaggabeef
isin bixxillee wayiniitiin na jajjabeessaa;
muka hudhaatiinis na haaromsaa.
Harki isaa bitaa mataa koo jala jira;
harki isaa mirgaa immoo na hammata.
Yaa intallan Yerusaalem,
ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa;
hamma isheen ofumaan feetee kaatutti
jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
 
Sagaleen michuu kootii, tulluuwwan irra utaalee
gaarran irras qaariʼee dhufaa jira.
Michuun koo akkuma kuruphee yookaan korma gadamsaa ti.
Kunoo inni dallaa keenya duuba dhaabatee
foddaa keessaan ilaalaa
qaawwa keessaanis mimilʼachaa jira.
10 Michuun koo dubbatee akkana naan jedhe;
“Yaa miidhagduu koo kaʼi!
Bareedduu koo kottuu na wajjin deemi.
11 Kunoo! Ganni darbeera;
bokkaanis caamee sokkeera.
12 Daraaraan lafa irratti mulʼateera;
waqtiin sirbaa gaʼeera;
wacni gugees
biyya keenya keessatti dhagaʼamaa jira.
13 Mukni harbuu ija jalqabaa baasuu jalqabeera;
wayiniin daraares urgaa kenneera.
Yaa miidhagduu ko, kaʼii kottu;
yaa bareedduu koo na wajjin deemi.”
Isa
14 Gugee koo kan holqa dhagaa keessaa,
kan iddoo dhoksaa tulluu cinaa keessaa,
mee fuula kee na argisiisi;
mee sagalee kee na dhageessisi;
sagaleen kee miʼaawaadhaatii;
fuulli kees namatti tola.
15 Mee waangoo,
waangoodhuma xixinnoo ishee
kanneen iddoo dhaabaa wayinii balleessitu nuuf qabaa;
iddoon dhaabaa wayinii keenyaa daraaraa jiraatii.
Ishee
16 Michuun koo kanuma koo ti; anis kan isaa ti;
inni daraaraa keessa dheechifata.
17 Yaa michuu ko,
hamma bariʼee gaaddisni baddutti deebiʼi;
akkuma kuruphee yookaan akkuma korma gadamsaa
kan tulluuwwan irra jiruus taʼi.