8
Isaayyaasii fi Ijoollee Isaa
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti, ‘Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz’* jedhii qubee beekamaadhaan barreessi.” Anis akka isaan dhuga baatota amanamoo taʼaniif Uuriyaa lubichaa fi Zakkaariyaas ilma Yeberekiyaa nan waammadha. Anis raajittii bira nan gaʼe; isheenis ulfooftee ilma deesse. Waaqayyo akkana naan jedhe; “Maqaa isaa Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz jedhii moggaasi. Utuu mucaan kun ‘Aabboo’ yookaan ‘Aayyoo’ jechuu hin beekin dura qabeenyi Damaasqootii fi boojuun Samaariyaa mootii Asooriin fudhatama.”
Waaqayyo ammas akkana jedhee natti dubbate:
“Sabni kun bishaan Shilooʼaa
kan suuta yaaʼu sana dhiisee
Reziinii fi ilma Remaaliyaatti
gammadeeraatii;
kanaafuu Gooftaan,
lolaa guddaa kan laga Efraaxiis jechuunis mootii Asoor
ulfina isaa hunda wajjin saba kanatti fida.
Lolaan sunis guutee boʼoo isaa irra yaaʼee
ededa isaa hunda irra dhangalaʼa.
Lolaan sunis hamma morma gaʼutti guutee irra dhangalaʼee
keessa darbuudhaan waan hundumaa haxaaʼee Yihuudaatti geessa.
Yaa Amaanuʼel!
Qoochoon isaa balʼifamee guutummaa biyya keetii ni haguuga.”
 
Yaa saboota, burkutaaʼaa!
Isin warri biyya fagoo jirtan hundi dhaggeeffadhaa.
Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa!
Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa!
10 Mariʼadhaa; garuu faayidaa hin qabu;
karoorfadhaa; garuu fiixaan hin baʼu;
Waaqni nu wajjin jiraatii.
11  Waaqayyo harka isaa jabaa sanaan natti dubbatee akka ani karaa saba kanaa irra hin deemneef akkana jedhee na akeekkachiiseeraatii:
12 “Isin waan uummanni kun fincila jedhu
hundaan fincila hin jedhinaa;
waan isaan sodaatan hin sodaatinaa;
hin raafaminaa.
13 Kan isin akka qulqulluutti ilaaluu qabdan
Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu tokkicha;
kan isin sodaachuu qabdan isuma;
kan isin hollachuufii qabdanis isuma.
14 Inni iddoo qulqulluu taʼa;
manneen Israaʼel lamaaniif garuu
inni dhagaa nama gufachiisu,
kattaa nama kuffisu taʼa.
Saba Yerusaalemitti garuu
inni kiyyoo fi futtaasaa taʼa.
15 Hedduun isaanii ni gufatu;
isaan kufanii caccabu;
futtaasaa seenanii qabamu.”
 
16 Dhuga baʼumsa kana walitti qabsiisi;
seera kanas barattoota koo gidduutti chaappaadhaan cufi.
17  Waaqayyo mana Yaaqoob duraa
fuula isaa dhokfate sana nan eeggadha.
Ani isa nan amanadha.
18 Anii fi ijoolleen Waaqayyo naa kenne kunoo ti. Nu Israaʼel keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu kan Tulluu Xiyoon irra jiraatu sanaaf mallattoo fi fakkeenya.
Dukkanni Ifatti Jijjiirama
19 Yommuu namni tokko dhaqaatii ilaaltootaa fi eker dubbistoota kanneen hasaasanii fi guunguman waa gaafadhaa isiniin jedhutti sabni tokko Waaqa isaa gorsa gaafachuu hin qabuu? Isaan waaʼee jiraattotaa maaliif warra duʼan gaafatu? 20 Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha. 21 Isaan rakkina guddaa fi beelaan biyya keessa jooru; yommuu beelaʼanittis akka malee aaranii, ol ilaalanii mootii isaaniitii fi Waaqa isaanii abaaru. 22 Ergasiis gara lafaa ilaalanii rakkina guddaa, dukkanaa fi hurrii sodaachisaa argu; isaanis dukkana hamaatti darbatamu.
* 8:1 8:1 Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz jechuun dafii boojiʼi; ariifadhuu saami jechuu dha. 8:8 8:8 Amaanuʼel jechuun Waaqni nu wajjin jira jechuu dha.