27
Ati waaʼee boriitiin hin boonin;
waan guyyaan fidu hin beektuutii.
 
Namni biraa si haa jaju malee ati afaan keetiin of hin jajin;
namni kaan si haa jajuu malee hidhiin kee si hin jajin.
 
Dhagaan ni ulfaata; cirrachis baʼaa dha;
tuttuqaan gowwaa garuu lachuu caalaa ulfaata.
 
Dheekkamsi gara jabeessa; aariinis guutee dhangalaʼa;
hinaaffaa dura garuu eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
 
Jaalala dhokfamee mannaa
ifannaa ifatti baʼe wayya.
 
Madaan michuun nama madeessu amanamaa dha;
dhungachuun diinaa garuu gowwoomsaa dha.
 
Namni quufe damma illee ni balfa;
kan beelaʼe garuu wanni hadhaaʼu iyyuu itti miʼaawa.
 
Namni mana isaatii badu tokko,
akkuma simbirroo manʼee isheetii badduu ti.
 
Shittoo fi ixaanni garaa nama gammachiisu;
gorsi michuus garaa nama ciibsa.
 
10 Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin;
yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin;
obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.
 
11 Yaa ilma ko, ogeessa taʼiitii garaa koo gammachiisi;
ergasii ani nama na tuffatu hundaaf
deebii kennuu nan dandaʼa.
 
12 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata;
wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
 
13 Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu;
yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
 
14 Namni tokko ganamaan sagalee ol fudhatee
ollaa isaa yoo eebbise
wanni sun akka abaarsaatti fudhatama.
 
15 Niitiin nyakkiftuun, akkuma bokkaa guyyaa roobaa
dhimmisaa ooluu ti;
16 ishee ittisuun akkuma bubbee ittisuu ti
yookaan akkuma zayitii harkaan qabuu ti.
 
17 Akkuma sibiilli sibiila qaru,
namni tokko nama kaan qara.
 
18 Namni muka harbuu eeggatu tokko ija isaa nyaata;
namni gooftaa isaa eeggatus ulfina argata.
 
19 Akkuma bishaan fuula namaa argisiisu sana
garaan nama tokkoo eenyummaa namichaa argisiisa.
 
20 Duʼaa fi Badiisni gonkumaa hin quufan;
iji namaas akkasuma.
 
21 Okkoteen waa itti baqsan meetiif;
boolli ibiddaa immoo warqeef;
namni immoo ulfina argatuun qorama.
 
22 Gowwaa mooyyee keessatti yoo tumte iyyuu,
akkuma midhaaniitti muka mooyyeetiin isa bulleessite iyyuu,
ati gowwummaa isa irraa hin balleessitu.
 
23 Haala bushaayeen kee keessa jiran sirriitti beeki;
loon keetiifis xiyyeeffannaa kenni;
24 soorumni bara baraan itti hin fufuutii;
gonfoonis dhaloota irraa dhalootatti hin darbu.
25 Yeroo okaan haamamee biqilaa haaraan jalaan biqilee
margi tulluu irraa walitti qabamutti,
26 xobbaallaawwaniin daara baata;
reʼoonni immoo gatii lafa qotiisaa siif taʼu.
27 Ati ofii keetii fi maatii kee,
xomboreewwan kees ittiin jiraachisuuf
aannan reʼootaa baayʼee ni qabaatta.