Eebba Qajeeltonni Argatan
Faarfannaa 128
Faarfannaa Ol Baʼuu.
Warri Waaqayyoon sodaatan,
kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.
Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta;
ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.
Niitiin kee mana kee keessatti,
akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;
ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,
akka lataa muka ejersaa ni taʼu.
Namni Waaqayyoon sodaatu
akkasitti eebbifama.
 
Bara jireenya keetii guutuu,
Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu;
atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.
ijoollee ijoollee keetii ni argi;
nagaan Israaʼeliif haa taʼu.