Kadhannaa Diinota Xiyooniin Mormuuf Kadhatame
Faarfannaa 129
Faarfannaa ol baʼuu.
Israaʼel akkana haa jedhu;
“Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;
isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;
garuu na hin moʼanne.
Warri qootiisa qotan dugda koo qotan;
boʼoo isaaniis ni dheeressan.
Waaqayyo garuu qajeelaa dha;
funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.”
 
Warri Xiyoonin jibban hundinuu,
qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.
Isaan akka marga bantii manaa irraa
kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;
namichi haamu qabaa isaa guuttachuu,
yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.
Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu;
maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.