Waamicha Gargaarsaaf Dhiʼaate
Faarfannaa 130
Faarfannaa ol baʼuu.
Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa
sitti nan iyyadha;
yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi.
Gurri kees sagalee waammata koo
xiyyeeffatee haa dhagaʼu.
 
Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee,
yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
Garuu dhiifamni si bira jira;
kanaaf ati ni sodaatamta.
 
Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;
dubbii isaas nan abdadha.
Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa,
dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa
lubbuun koo Gooftaa eeggatti.
 
Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu;
Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne,
furiin guutuunis ni jiraatii.
Inni mataan isaa cubbuu isaanii
hundumaa irraa Israaʼelin ni fura.