Waaqa Amanachuu
Faarfannaa 131
Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.
Yaa Waaqayyo, garaan koo of hin jaju;
iji koos of hin tuulu;
ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu.
Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras;
akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana,
akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste.
 
Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf,
Waaqayyoon abdadhu.