Faarfannaa Deebifamuu Taabotaa
Faarfannaa 132
132:8‑10 kwf – 2Sn 6:41‑42
Faarfannaa ol baʼuu.
Yaa Waaqayyo, Daawitii fi
rakkina inni obse hundumaa yaadadhu.
 
Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee
Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:
“Ani mana koo ol hin seenu;
yookaan siree kootti ol hin baʼu.
Ani ija kootiif hirriba,
baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;
kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti,
Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”
 
Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye;
Yaaʼaarittis isa arganne:
“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa;
ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.
‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu;
atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.
Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan;
qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ”
 
10 Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii,
dibamaa kee hin gatin.
 
11  Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera;
inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu:
“Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;
12 yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan,
ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti
teessoo kee irra ni taaʼu.”
 
13  Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii;
akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:
14 “Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti;
kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.
15 Ani waan hundaan ishee nan eebbisa;
hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.
16 Luboota isheetti fayyina nan uffisa;
qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.
 
17 “Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha;
dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.
18 Diinota isaatti qaanii nan uffisa;
gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”